Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Baqattota Itiyoophiyaa

Waraansa naannoo Tigiraay keessatti deemaa jiru dheessuudhaan kanneen buufata baqattootaa daangaa Sudaanii fi Itiyoophiyaa irra jiru Um-Raakoobaa keessa buufatan baqattoonni mi’a gargaarsaa fudhachuuf toora galanii eeggataa jiru.
Waraansa naannoo Tigiraay keessatti deemaa jiru dheessuudhaan kanneen buufata baqattootaa daangaa Sudaanii fi Itiyoophiyaa irra jiru Um-Raakoobaa keessa buufatan baqattoonni mi’a gargaarsaa fudhachuuf toora galanii eeggataa jiru.

Rakkoo Baqattota Itiyoophiyaa

Mootummaa Itiyoophiyaa fi hoogganoota ABUT gidduutti waraansi ka’ee fi rakkoon namoomaa sanaan wal-qabatee dhufe, Gaanfa Afrikaa akka rakkoo wal-xaxaa keessa hin buusne sodaatamaa jira.

Hoogganoonni ABUT maadheelee waraanaa federaalaa Tigiraay keessa jiran irratti eega haleelanii booda mootummaan federaalaa “tarkaanfii seera kabajchiisuu hoogganoota ABUT badii raaw’atan irratti geggeessamu,” ka jedhanii fi hoogganni ABUT immoo “waraansa uummata Tigraay irratti baname” ka jedhan haleellaa waraanaa Sadaasa 4, bara 2020 jalqaban. Mootummaa giddu-galeessaa fi ABUT gidduutti wal-muddinsi ka jalqabe mormii uummataa baatiilee hedduuf geggeessamee booda Ebla bara 2018 muummichi-ministaraa Abiyyi akkuma taayitaa qabatanitti ture. Abiyyi eega taayitaa qabatanii booda Ertiraa waliin walii-galtee tolfatan. Ulaa daldalaa banuu, hidhamtoota siyaasaa hiikuu, gurmuulee siyaasaa adda addaa eenyummaa sab-lammummaa irratti hundaa’anii turan paartii tokkicha, Paartii Badhaadhinaa jalatti walitti-qabuu dabalatee tarkaanfiilee jijjiiramaa hedduus fudhaan. Taayitaas dhaaba yeroo dheeraaf ol’aantummaa qabatee ture ABUT harkaa tures fudhatan. Tahus garuu, dirreen siyaasaa baname guutummaa biyyattii keessatti walitti-bu’insoota bifa saba-lammii qaban kakaasee, rakkoo dhiheenya Tigiraay keessatti uumame kanaa durattillee baruma 2020 keessa namoonni miliyoona tokkoo fi kuma dhibba lamaa ol manaa fi qehee ofii irraa buqqu’uu Jaarnayaan Dhimma Baqattootaa Ka Tokkummaa Mootummootaa gabaasaa isaa keessatti beeksisee ture.

Waraansi Tigiraayitti geggeessameen baatii isa duraa keessatti qofa namoonni kumootatti lakkaawaman lubbuu dhabaniiru; kanneen miliyoona tokkoo ol tahanis qehee ofii irraa buqqa’aniiru, jedhamee yaadama. Yoo xiqqoote namoonnni 50,000 tahan gara biyya ollaa sanaa, Sudaanitti baqachuu isaanii Jaarmayichi Baqattootaa ka Tokkummaa Mootummootaa ni dubbata.

Gaazzexeessonni Raadiyoo Sagalee Ameerikaa Televiiziyoonaan, Raadiyoo fi Sabaa-himaalee dijitaaliin rakkoo uumame kana gabaasaa jiran. Raadiyoon Sagalee Ameerikaa bilisummaa fi dimookiraasii deggeruuf jecha hojiiwwan hojjetu keessaa garii odeessiiwwan dhaqqabsiisuu, waj-jijjiirraa yaadaa jajjabeessuu fi miijessuu, akkasumas, namoota wal-quunnamsiisuu dhaa ala, dabalataan gidiraa baqattootaa fi buqqaatota guutummaa addunyaa irraa galmeessuun dhimmoota inni dursa kennuuf keessaa tokko.

Walitti bu'iinsa Naannoo Tigraay keessaa

Ibsitu - Walitti Bu'iinsa Tigraay Keessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:38 0:00

Karaa Baqattoonni Itiyoophiyaa gara Sudaan seenan

Sab-lammoota Itiyoophiyaa Guguddoo

(Lakkoobsa Uummataa Bara 2007 Irrratti Kan Hundaa’e)
(Lakkoobsa Uummataa Bara 2007 Irrratti Kan Hundaa’e)

Waa’ee rakkoo baqattootaa gabaasaalee dabalataa argachuuf marsaalee kana daawwadhaa.

VOA News: Oduu VOA
VOA Amharic: VOA Afaan Amaaraa
VOA Tigrigna: VOA Afaan Tigiree

XS
SM
MD
LG