Xurree ittiin seenan

Breaking News

Terms of Use/Privacy Policy

Akkaataa Fayyadamaa fi Imaammata Gulantaa

Ibsa Gulantaa

Ennaa marsariitii keenya daawwattan yoo isin odeeffannoo nuu kennuuf tole jettan malee odeeffannoo keessan dhuunfaa hin galmeessinu.

Odeeffannoon akkuma barreeffameen kuusaa keessatti walitti qabama.

Ennaa marsariitii daawwatan keessa adeemtanii ilaaluu dhaan fuula jiru yoo dubbiftan ykn yoo odeeffannoo gad fe’attan odeeffannoon marsaa keenya daawwachuu hangi tokko battaluma kuusaa keessatti walitti qabama.

Odeeffannoon kun eenuymmaa keessan adda hin baasu. Waa’ee dawwannaa keessan marsariitii irraa kan walitti qabamee kuusamu:

  1. Maqaa ykn teessoo isin irraa marsariitii seenatn(fakkeenyaaf “xcompany.com” yoo marsariitii dhuunfaa fayyadamtan ykn kan “yourschool.com” ta’ee teessoo marsariitii Yunivarsitii irraa seentan kan akka teessoo IP jedhamuu kan komputerri keesan ittiin galmeeffamee jirutu kuusaa keessatti walitti qabama.
  2. Moosajjii komputerri akka hojjetu to’atu (operating system) fayyadamuun kan isin ittiin marsariitii keenya daawwattan
  3. Guyyaa fi sa’aatii isin itti marsariitii keenya daawwattan.
  4. Fuula marsaa isin daawwatan.
  5. Yoo Marsariitiin ka biroon qabsiisaan gara keenyaatti isin dabarsee fi teessoo marsaa ka biroo Sanaa

Yoo Odeeffannoo Dhuunfaa Nuuf Ergitan

Imeelii nuuf erguu dhaan odeeffannoo dhuunfaa yoo nuu kennuu barbaaddan, yukn immoo karaa marsaa keenyaa foormii qophaa’e guuttanii odeeffannoo keessan dhuunfaa yoo nuuf dabarsuu feetan odeeffannoo sana ergaa keessaniif deebii kennuuf akkasumas odeeffannoo isin ergitan argachuu qafaaf itti fayyadamna.

Dhimma ka biroof jennee odeeffannoo dhuunfaa walitti hin qabnu. Itti dabalees, odeeffannoo isin nuuf ergitaniitti gargaaramnee galmee dhuunfaa hin uumnu ykn immoo jarmayaa dhuunfaa ka birootti dabarsinee hin kenninu. Hojii beeksisaa fi daldalaaf jecha odeeffannoo dhuunfaa walitti hin qabnu.

Imeelii keessan dhaabbata mootummaa kan dhimmi keessan itti hidhata qabu qofa waan seerri eeyamu yoo ta’e waliin hirmaanna. E-mail dabalatee odeeffannoo dhuunfaa dabarsinee kan kenninu yoo yoo qaamni mootummaa manni maree bakka bu’ootaa ykn manni murtii barbaade qofaa ifa baafna.

Ennaa Marsariitii-tti Fayyadaman Odeeffannoo To’annaaf Walitti Qabamu(Cookies)

Odeeffannoon akkasii kan (Cookies) jedhamu kun galmee xiqqoo kan marsariitiin ennaa itti fayyadaman odeeffannoo komputeratti dabarsu.

Komputerri keessan odeeffannoo inni dabarsu galmee xiqqoo ykn (Cokkies) jedhamu fi ennaa isin marsariitii daawwattan odeeffannoo addaa yaadachuuf kan gargaaru.

Komputerri odeeffannoo inni dabarsee kennu yoo galmeen xiqqoon kun jiraate dha. Marsariitii ka biroon odeeffannoo sana argachuu hin danda’u. Galmeleen xiqqoon kun gosa lama qabu. Yeroo tokkoof kan ooluuf yeroo mara kan hojjetu. Kan yeroo tokko qofaaf hojjetu hanga isin marsariitii banaa taasistan qofaatti hojjeta. Kan yeroo mara hojjetu immoo yeroo dheeraaf tura.

Raadiyoon sagalee Ameerikaa tarii kan yeroo xiqqoo qofaaf turutti fayyadama. Sababiin isaas marsaa interneetii isaatti salphaatti fayyadamuu akka danda’amuuf.

Marsariitiiwwan VOA hangi tokko galmee yeroo dheeraaf turee odeeffannoo walitti qabu fayyadamuu mala. Deebitanii odeeffannoo wal fakkaatu argachuu akka dandeessanitti.

Yeroo kamiinuu taanaan odeeffannoon dhuunfaa galmeelee kana keessatti ykn bakka birootti walitti qabaman qaama odeeffannoo sana argachuu hin malletti hin darbu.

Galmeelee kana qabaachuu hin feetan taanaan marsaa keessan irraa dhabamsiisuu dandeessu. Haa ta’u malee kun marsariitiin VOA hangi tokko sirriitti akka hin hojjenne gochuu mala.

Seeraan ka hin gaafachiisne

Marsaan keenya hidhata marsariitii ka biroo qabaachuu mala. Kunis hojii keenya hojjechuuf nu gargaara ykn gabaasaalee oduu mirkaneessuuf gargaara. Hidhata marsariitii ka biroo irraa kan argamu sirnaan Raadiyoo Sagalee Ameerikaan ka mirkanaa’e miti. Hidhati akkasii odeeffannoon sun qabatamaa ta’uu isaa hin dhugoomsu. Hidhata marsariitiiwwan daldalaa ykn mallaqa walitti qabuun gama kamiinuu marsaa VOA irratti fudhatama hin qabu.

Raadiyoon Sagalee Ameerikaa tamsaasi isaa Yunaayited Isteetes keessatti miri. Sagantaaleen keenya dhaggeeffattoota biyyootii alaatiif yoo ta’u marariitiin keenya illee akkasuma. Odu gabaastonni Ameerikaa keessaa kanneen maqaa wal fakkaataa qaban dhaaba oduu sadarkaa addunyaa kana ykn VOANEWS.com. waliin hidhata hin qaban.

Ka sirraa’uu qabu

VOANEWS.com akka armaan gadiitti dogoggora jiru sirressa. Yoo dogoggorri uumame salphaa ta’ee haala qabatamaa odeeffannoo Sanaa hin jijjiiru ta’e akka salphaatti sirreessuu dandeenya.

Dogoggorri uumame guddaa ta’ee yoo dhugaa jiru kan faalleessu ta’e mallattoo * cina isaa kaa’uu dhaan, san booda ni jijjiirra. Sirraa’uu isaas ni ibsina. Dogoggorri hojjetamees maal akka ture ni beeksisna.

Oduu guddaa yoo ta’e irra deddeebinee barreessina. Oduun sun guddaa yoo at’e jijjiiramaa waan adeemuuf yeroon itti sirreessan hanqachuu ala. Kanaaf maal akka jijjiirame hin beeksisnu. Oduun sun guddaa fi jijjiiramaa jiraachuu hubannoon ni jiraata jennee abdanna.

Yaada Ofii Maxxansuuf Qajeelfama Hordofamu

Yaadii martinuu maxxanfamuu dura ni xiinxalama. Raadiyoon Sagalee Ameerikaa yaadawwan jiran mara sa’aatilee 48 ykn isaa gadi yeroo jiru keessatti xiinxalee maxxansa. VOAn marii madaala isaa eege akka maxxanfamu ni jajjabeessa. Yaada namaa ilaalcha yaadaa sammuu, ykn ilaalcha siyaasaa irratti hundaa’uun hin gulaallu. Ykn ni maxxansin ykn hin maxxansinu.

Yaadawwan maxxansuuf ulaagaa kaa’ame

  1. Mata duree jiru irratti fuuleffadhu
  2. Jecha sirrii hin taanetti gargaaramuun, jecha jibbiinsa facaasu maxxansuun fi amalli sirrii hin taane mul’isuun hin danda’amu.
  3. Dhuunfaa dhaan jechaan wal dha’uun, jecha dubbii kakaasu ykn hookkaraaf waamicha dabarsuu
  4. Barreeffama gabaabaa qofatu maxxanfama.

Ibsa Mirga Abbummaa

  1. Barreeffamoonni maxxanfaman, Sagalee ykn Vidiyoon waraabaman kanneen Raadiyoo Sagalee Amerikaan qopha’an uummataaf ifatti ka’amanii jiru. Kanaan gargaaramuu kanneen fedhan hundumtuu abbummaa qabeenyichaa voanews.com ykn Voice of America ykn VOAf kennuu qabu.

Ta’uus garu wanni voanews.com irra ka’aman vidiyoo, sagalee, fakkiwwanii, suraawwan akkasumas kanneen biroon kan sagantaaleen Raadiyoon sagalee Amerikaa qofti akka itti gargaaramuuf ka’aman ni jiran.

Isaan kun uummataaf banaa miti.Kanaaf qaama dhimmi ilaallatu irraa ehama ituu hin argatiin waraabachuun, raabsuun, gurguruun ykn maxxansanii baasuun dhorkaa dha.

  1. Asosheetid Prees : Raadiyoon sagalee Amerikaa dhaabbata oduu Asoosheetid prees biraa suraa fi barreeffama fudhachuuf ehama ykn waraqaa ragaa argatee jira.

Waan dhaabbatti kun (AP) abbummaan qabatee jiru fi mirga irratti qabu hundumaa ehama dhaabbatichaa ituu hin argatiin waraabuun, fakkeessanii kaasuu, maxxansuu ykn irra deebi’anii raabsuun dhorkaa dha.

Barreeffamoota , suraalee, sagalee waraabame, vidiyoo waraabame , barreeffamoota marsariiti irra ka’aman adda addaa fi Ashosheetid preesabbummaa itti qabu keessa deebi’anii barreessuun uummanni akka dhaga’uuf qilleensa irra olchuun,maxxansisuun, kallattiidhaanis ta’e karaa harka lafa jalaan raabsuun dhorkaa dha.

Qaeenyaa dhaabbata Ashoosheetid prees ta’an kana guutummaattis ta’e hanga tokko kompuutara keessaa qabachuun ni danda’ama.Kunis hanga dhunfaan itti hin fayyadamnee fi waan akka daldalaaf hanga hin olchineetti.

Assoshiyetiid Prees kanneen odeeffannoo isaa fudhatanii itti gargaaraman, kanneen odeeffannoo sirri hin taane gargaaramuun rakkoon isaan mudatee, Odeeffannoo keessaa hanqisanii baasauu isaaniif dogoggora uumameef badii ga’uufitti gaafatama hin qabu.

3.”Raadiyoon Sagalee Amerikaa( VOA) fi voanews.com” mallattoon addaa mirga abbummaa irratti qaban daldalaaf kan itti hin gargaaramne waan hin taaneef ehama qaama ilaaluun alatti daldalaaf oolchuun hin danda’amu.

Ta’uus garu marsariiti Raadiyoo sagalee Amerikaa waliin hidhata (Link) qabaachuu feenan mallattoo addaa VOAn itti gargaaramu marsariitii dhunfaa ofii irratti gargaaramuun ni dandaa’ama. Yoo hidhata kana tolfachuu feetu ta’e garu dura voanews.com ti barreessaa gaafadhaa.

Seera Abbummaa kan meeshalee Ammayyaa(Dijitaal)

Raadiyoon sagalee Amerikaa (VOA) dandeettii waa uumuu kannen biroon qaban ni kabaja.Kanneen marsariiti Raadiyoo sagalee Amerikaa fayyadamaniis kana akka kabajaniif gaafata.

Akka seera “Digital Millennium copyright Act ( DMCA) fi seerawwan ka biroon jedhutti Raadiyoon sagalee Amerikaa kanneen seeraan ala itti gargaaramanii fi mirga abbummaa cabsan waliin hariiroo qabu dhaabuuf imaammata dandeesisuu raggaasisee jira.

Hojiin keessan fudhatamee abbummaan keessan sarbamuu itti amantuu taanaan dhaabbata VOA kan mirga Abbummaa ilaaluu (VOA’S Copyright Agent) odeeffannoo armaa gadii ergaa.

  • Nama ykn garee seeraan abbummaa qabu sana nama bakka bu’e falmu mallattoo isaa kallattiin mallatteessee ykn meeshaa ammayyaa (Eleektrooniksiin) mallatteeffame ergaa.
  • Hojii keessan Raadiyoon sagalee Amerikaa beekkannoo keessan malee itti gargaarame jira taanan tokkos haa ta’u sana caalaan yoo jiraate bakka bu’an keessan adda baasee dhiyeessuu qaba.
  • Waan seeraan ala VOAn itti gargaaramee fi gaafachisaadha jedhame sana adda baasuun akka ka’u gochuuf odeeffannoon ga’aa VOAf kennaa.
  • VOAn nama ykn garee komii dhiyeeffate qunnamuu akka danda’uuf odeeffannoo ga’aa kennaa.
  • Gareen ykn namnii komii dhiyeeffate waan seeraan ala hojii irra oolee jedhee amanuu sana, qaama abbummaa qabuun, dhaaba ykn nama bakka bu’uun, seeraan ehama tokko iyyu akka hin laatiin barreefama ibsu qopheessuu qaba.
  • Komee ykn iyyata qabdan kana I-meelii VOA kan kutaa iyyata mirga abbummaa ilaaluutti copyrightagent@bbg.gov jedhaa barreessaa. Ykn, teessoo kanaan nu quunnamaa:

Voice of America Copyright Agent
330 Independence Ave, SW
Suite 3349
Washington, D.C. 20237
United States of America

XS
SM
MD
LG