Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaala Bishooftuutti Warishaan Harroonni Itti Qalaman Hojii Jalqabe: Jiraattota


Bulchiisi magaala Bishooftuu garu warshaa jedhame irraa waayee hojii jalqabuu odeeffannon argate akka in jirre ibsa.
Bulchiisi magaala Bishooftuu garu warshaa jedhame irraa waayee hojii jalqabuu odeeffannon argate akka in jirre ibsa.

Waarshaan harroota qalee foonii fi gogaa isaanii gabaa biyya alaatii dhiheessu Shandoongi Dongi jedhamu Oromiyaa, magaala Bishooftuu ganda Dhibaayyuu fi Qaajimaa kessatti hojii jalqabuu jiraattoonnii fi gabaasni barruulee tokko tokkoo himaa jiran.

Kantiibaan bulchiinsa magaala Bishooftuu, Dr.Daadhii Wodaajoo gama isaanitin bulchiinsi waarshaa jedhame irraa waayee hojiin jalqabamuu waan dhagahe akka hin jirre dubbatani hawaasa irraa odeeffannon amma tokko waan isaan dhaqqabeef akka qulqulleefachuuf jiran ibsan.

Biyyatti keessatti kun waan ta’ees dhagahamees hin beekne. Akkaataa jiruuf jireenyaa, safuu fi duudha hawaasaa irratti dhiibbaa inni qabu lalchisee oggeessa siyaasa hawaasummaa (sociologist) an ta’an Dr. Biraanuu Leenjisoo dubbisneera.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Ijaarramuu warshaa harree Shandoongi Dongi balaaleffachuudhan hawaasni magaalattii Fulbaana darbe keessa mormii geggeessun hin yaadatama. Gabaasa yeroo sanii dhaggeeffachuuf kana cuqaasaa.

XS
SM
MD
LG