Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Koleeraan qabaman baay’achaa dhufuu isaaniitiin qorannoo bal’aa taasisuu akka jalqabu dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiise


FAAYILII - Talaallii dhukkuba koleeraa, Libaanon, Sadaasa 12, 022.
FAAYILII - Talaallii dhukkuba koleeraa, Libaanon, Sadaasa 12, 022.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Jimaata darbe akka Ifoomsetti qorannoo akka Addunyaatti saffisaan dhukkuba Kooleeraa adda baasuu danda’u raabsuu jalqabeera. Meeshaa qorannoo kana Maaliin fudhatteetti kan jedhe dhaabbanni Fayyaa Addunyaa kunis biyyichatti dhukkubni Koleeraa kun akka malee babbal’chaa dhufuu isaa irraan kan ka’edha jedheera. Meeshaaleen qorannoo miiliyoona 1.2 bakkoota 14 bakka dhukkubichi bal’inaan itti tamsa’eeru keessatti ji’a dhufu keessa akka raabsaman ibsee biyyoonnii akka Itiyoophiyaa, Somaaliyaa, Siiriyaa fi Zaambiyaa kan dhukkubichi keessatti babal’ateeru torbaan kanarraa kaasee meeshaalee qoraannoo kana fudhachuu jalqabus jedheera Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa. Sagantaan kun gamtaa Talaallii Gaavii deeggarsa maallaqaa fi to’annaan kan deeggaru yommuu ta’u , dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa daa’immaanii UNICEF ammoo bittaa fi kenniinsa isaa irratti hojjetas jedhameera.

Dhukkubni Koleeraa Baakteeriyaa irraa akka dhufu kan Ibse dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Bishaan ykn nyaata faalamen kan daddarbu, Teessisaa fi haqqeen amaloota dhukkubichi agarsiisuu kan daa’immaniif baay’ee hamaa ta’edhas.

Sagantaan ammaa kunis dandeettii hordoffii fi qorannoo idilee guddisuun biyyoonni weerara Koleeraa adda baasuun deebii kennuu irratti akka saffisan isaan taasiisu bira darbee sirrii ta’uu isaanii fooyyeessuuf kan kaayyeeffate ta’uus dhaabbanni fayyaa addunyaa ibsa isaa keessatti himeera.

Yeroo amma Akka guutummaa Addunyaatti namoonni 473,000 weerara dhukkuba Koleeraan qabamuun galmaa’eera kan jedhe dhaabbanni fayyaa Addunyaa kan bara 2022 irra dachaan dabalee yommuu argamu kan bara darbeerraammoo 700,000 dabaleeras jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG