Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Najjoo Keessatti Reebichaa fi Hidhaan Hammaate Jedhu Jiraatonni


Hiriira Mormii Oromiyaa (Faayilii)
Hiriira Mormii Oromiyaa (Faayilii)

Duraan manneen barnootaa keessaa erga manneen barumsaa cufamanii booda immoo magaalaa keessa adeemuun akkasumas mana jireenyaa seenuun barattotaa fi jiraattoota hidhuun akka daran hammaatee itti fufee jiraattonni dubbataa jiru. Sambata darbe barattoota lama mana murtiitti dhiyeessuun hidhaa baatii lamaan adabanii gara magaalaa Gimbiitti ergamuu isaanii kan dubbatan barattonni lameen keessaa tokko shamarree ta’uu ibsan.

Kanneen biroo hidhaman soddomii shan caalan keessaa maanguddooni umrii dheeraa qabana ilma isaanii hidhattonni qabuu waan hin dandeenyeef jecha bakka isaa hidhamuu ibsanii jiran. Waajirri polisii aanaa Najjoo garuu biyyi nagaa dha namni hidhames hin jiru barnootis itti fufee jira jedha. Barnooti addaan eega cite torban lama ta’uu jiraatonni kan ibsan ta’us amma garuu jalqabamaa jira jechuun Daayreekteerri mana barumsaa qophaa’ina Najjoo Obbo Abraam Yohaannes dubbatanii jiru.

Gabbaasa guutuu dhaggeefadhaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:32 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG