Xurree ittiin seenan

Breaking News

Isiraa’el Iraan Keessatti Samii Irraa Haaleellaa Gaggeessuun Himame


Konkolaataan gamoo baanarii misaa'elaa fi namoota alaabaa Israa'el ciccite ​​bira darbee balali'u, Tehran, Ebla 14, 2024.
Konkolaataan gamoo baanarii misaa'elaa fi namoota alaabaa Israa'el ciccite ​​bira darbee balali'u, Tehran, Ebla 14, 2024.

Israa’el Jimaata har’a akka lakkoobsa sa’aatii biyyaatitti barii lafaa Iraan keessatti haleellaa samii irraa gaggeessuu ishee miidiyaaleen Ameerikaa qondaaltota Israa’elii fi Yunaaytid Isteetis wabeeffachuun gabaasaa jiru. Haleellaan halkan tokkotti raawwatame kun haleellaa haaloo ba’uu dhiheenya kana mormitoota naannoo lamaan gidduutti raawwatame keessaa isa dhumaa yoo ta’u Tehran garuu Jimaata har’a waan ta’e kana xiqqeessitee ilaaluun deebii kennuudhaaf karoora akka hin qabne ibsiteetti.

Gaazexaan Niwu Yoork Taayims fi Waashingitan Poost qondaaltota Israa’el wabeeffachuun akka gabaasaniitti Israa’el Iraan irratti haleellaa xiyyaaraa raawwatteetti. Qondaaltonni Yunaaytis Isteetis haleellaan Israa’el kun kan misaa’eelaa ta’u ibsuu isaanii miidiyaalee oduu hedduudhaan gabaafamaa jira. Haaleellaan kun iddoo kamii fi maal irratti akka qiyyaafate battalumatti adda hin baafamne.

Haleellaa kun gaggeeffamuu erga ifa bahee gara sa'aatii tokkoo booda dubbi himaan waraana Israa'el kan sagaleen Amerikaa quunnamte akka jedhanti, waa’ee haleellaa kanaa ''yeroo ammaa'' yaada tokkollee akka hin qabne dubbataniiru. Dhaabbileen oduu mootummaa Iraan IRNA fi Fars akka jedhanitti ittisi qilleensaa rippabiliika Islaamaa Iraan naannoo magaalaa giddugaleessaa Isfahanitti kan bobbaafame yoo ta’u kunis haleellaa misaa’eelaa gaggeeffamuuf deebii kennuuf akka ta’e ibsameera.

Akkasumas dhohinsi qarqara magaalattii gama bahaatti dhaga’amuu kan gabaafame yoo ta’u dhohinsi kun kan haleellaa aggaamamee faccisuu haa ta’u ykn kan lafa irratti dhiibbaa uumame ta’uu isaa garuu hin ibsamne. Daarektarri dhaabbata Hawaa kan Iraan, humnoonni ittisaa kan Iraan qilleensa irratti diroonii hedduu kuffisuu isaanii ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG