Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Namoota Himannaa Dhaa Dura Hidhamanii Kan Isa Yaaddesse Tahuu Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Beeksise 


Hogganaa Komishiiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa Obboo Daani'el Baqqalaa Finfinnee, Sadaasa 3, 2021.
Hogganaa Komishiiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa Obboo Daani'el Baqqalaa Finfinnee, Sadaasa 3, 2021.

Sirna adeemsa haqaa Ityoophiyaa keessatti haalaawwan himanaadhaan dura hidhamtootaa irratti raawwataman akka isa yaaddesuu dhaabanii mirga namoomaa Ityoophiyaa beeksisee jira. Sadarkaa Afrikaatti Ebila 25 bara 2024 yaadamee kan oole “guyyaa hidhama himannaan duraa kan Afrikaa “ jedhu jalatti “ Sagaleewwan dagataman” mataduree jedhuun, Komishiiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa seenaa namoottan haalaawwan adeensaa himannaatin duraa raawatamanuun dararamaan dubbisee jira.

Mirgaa wabii argachuudhaan haalii mana hidhaatii hikamuu sarbamaa jiraachuu isaa kan ibsee ibsii komishiinichaa, seenaa hidhaa namoottan magaala keesaa jiranuu, kan qonnaan bultootaa fi dubartootaa warren umnoottan mootumaatin qabamanii ittu mana murtiitti hin dhihaatiin rakkina keessa turan tarreesee akka jiru beekameera. Dhimmaa kana irratti sagalee Amerikaatiif ibsaa kan kennan dura taa’an waldaa ogeesotaa seeraa obboo Amahaa Mekonni hidhaa himannan duraa Ityoopiyaa keessa jiru ilaalchiisee haalli jiru heduu yaaddesaa ta’uu isaa sagalee Amerikaatti himani jiru.

Ogeesaa seeraa kan ta’a abukaatoo Selemoon Gazihaany hirdhiin seeraa biyyatti keessa jiruu fi dadhabinni qaamaa raawachistotaa keessa jiru rakkinichaaf sababa gudaa ta’uu isaa ibsaniiru. Labsiin yeroo atattamaa halii kun akka caalaatti hammatu taasisuu isaa ogeesonni seera kan ibsan yemmuu ta’u, dhimichii mirgaa lubuudhaan jireenyaa fi mirga miidhaa hammeenyaa irraa eegamuu akkasumas, mirgaa wabii argachuutiin kan walfaalesu ta’uu isaa Komishiiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa akka ibse Kenedii Abaatee Finfinee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG