Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Waliigaltee Nageenyaa Pritooriyaa Hordoofu Gamtaa Afrikaatiin Beekkamtii Argate 


FAAYILII - Garee Gamtaa Afrikaa waliigaltee nageenyaa irratti hojjatu, Naayroobii, Sadaasa 7, 2022.
FAAYILII - Garee Gamtaa Afrikaa waliigaltee nageenyaa irratti hojjatu, Naayroobii, Sadaasa 7, 2022.

Gareen Gamtaa Afrikaan kan hundeeffame fi waliigaltee nagaa priitooriyaa keessatti tolfamee to’atuu, har’a gamtaa kanaan beekkamtii fi badhaasa argatee jira. Koreen to’annaa kun baatii Muddee bara 2015 magaalaa Maqalee keessatti hundaa’ee miseensoota 21 kan qabu yoo ta’u, ogeessoota waraanaa fi sivilii kan of-keessaa qabuu dha.

Dura ta’an komiishiina Afrikaa Muusaa Faakii Mahmaat miseensoonni koree kun, haala tokkummaa Afrikaa agarsisuun, hojii gaggeessan dinqiisiifatanii gamtaan Afrikaa Itiyoophiyaa keessatti nagaan waaraa akka argamuuf, ni hojjata jedhan.

Kana malees nagaan lammiwwan Itiyoophiyaan hogganamuu akka jajjabaatuuf isin jajjabeesina jedhaniiru.

Biyyoota Gaanfa Afrikaatti jila addaa Yunaaytid Isteetis kan ta’an Maayik Haamar koreen kun nagaaf jecha tajaajiila gaggeesse nan diinqiisiifadha jedhan.Gareen kun, hojii walii galtee nageenyaa sana keessatti qooda ijoo ta’e fudhateera jedhan.

Kana malees, aangawoonni Itiyoophiyaa fi Tigraay nagaa waaraa fiduuf kutannoon akka hojjataniif Haamar hubachisanii jiru.

Waliigaltee nagaa tolfamee gamaaggamuuf Finfinnee keessatti wiixata dabree kaasee xiinxala gaggefefamee kana irratti, aangawoonni mootummaa Itiyoophiyaa fi Tigraay waliigaltee kana guutuummaatti hojii irra olchuuf akkasumas, itti fuufiinsaan nagaa fi dhimmoota hidhata itti qaban ilaalchisee, marii gaggeessuuf walii galuu isaanii gamtaan Afrikaa ibsee jira.

Biyyonni dureeyyiin G-7 jedhamanii fi gamtaan Awuroopaa ibsa baasaniin, gamtaa Afrikaan kan hundeeffamee fi waliigaltee tolfamee garee to’ataa turee hojii hojjate dinqiisiifatanii jiru.Walitti bu’iinsii naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessaas, haala wal fakkaatuun mariin akka furamuuf hubachiisan jechuun, Muluugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG