Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afiriikaa Hojiirra Oolfama Waliigaltee Piriitooriyaa Irratti Gamaaggama Tarsiimoo Geggeessuu Jalqabe


FAAYILII - Bakka bu'oota mootummaa Itoophiyaa fi TPLF sirna waliigaltee mallatteessu irratti, Piritoriyaa, Afrikaa Kibbaa, Sadaasa 2, 2022.
FAAYILII - Bakka bu'oota mootummaa Itoophiyaa fi TPLF sirna waliigaltee mallatteessu irratti, Piritoriyaa, Afrikaa Kibbaa, Sadaasa 2, 2022.

Walii galteen Piriitooriyaa mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi adda bilisa baasaa uummata Tigiraay gidduutti mallatta’e hojiirra oolmaa isaa ilaalchisuun gamaaggama Tarsiimoo taasisuu jalqabuu isaa Gamtaan Afikaa ifoomseera. Walii galtichi erga mallatta’een booda gamaaggamni tarsiimoo yeroo jalqabaaf akka taasifamu kan ibse gamtaa Afikaatti Komishiniin dhimma nagaa fi siyaasaa, Adeemsa nagaa buusuuf murteessoodha dhimmoota jedhan kanneen akka dhiyyeessii gargaarsa namoomaa, hidhannoo hiikkachuu, waraanaan booda deebisanii Ijaaruu fi kanneen fakkaatanirratti akka xiyyeeffatus komishinichi ifoomseera.

Gamaaggamichi ergamoonni addaa Gamtaa Afiriikaa Pireezidaantiin Naayijeeriyaa duraanii Oliiseengoo Obaasaanjoo fi Pireezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa bakka argamanitti cufaatti gaggeeffamuu jalqabeera.

Gama mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaan Hogganaa Nageenyaa fi basaasaa Itiyoophiyaa Ambaasaddar Reediwaan Huseenii fi Ministirri Ministira haqaa Itiyoophiyaa Dr, Geediyoon Ximooxiyoosii fi kanneen biroo yommuu irratti hirmaatan Gama Adda bilisa baasaa Uummata Tigiraayiinis Pireezidaantii naannoo Tigiraay obbo Geetaachoo Reddaa fi dura taa’aan Adda bilisa baasaa Uummata Tigiraay Dr.Debiretsiyoon Gebiremikaa’eelii fi kanneen biroo irratti ragamaniiru jedhameera.

Taajjabdoota kan turan Yuunaayitid Isteetsii fi Gamtaa Awurooppaarraas namoonni bakka buufamaniiran gamaaggama tarsiimoo walii galtee Piriitooriyaa amma Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti hirmaataniiru.

Gamaaggama tarsimoo walii galtee Piriitooriyaa amma taasifamaa jiru ilaalchisuun gabaasaan sagaalee Ameerikaa Muluugeetaa Atsibahaa Yuunivarsiitii maqaleerraa barsiisaa muummee seeraa kan ta’an Piroofesar Yemaanee Kaasaa gaafatee qaamoolee waliigalticha raawwatan gidduutti wal amantaan jira jedhee waan hin amanneef waan haaraa hin eegu jedhaniiru.

Dhaaba mirga namoomaa “Itiyoophiyaatti dursi mirgootaaf” jedhutti itti aanaa Daayireektaraa kan ta’an Obbo Mabirihii Berihee kanneen buqqa’an akka deebifaman, miidhamtootni haqa akka itti rgachuu danda’an irratti fi hidhattoonni hidhannoo hiikkachuu irratti bal’inaan ni marii’atu jedheen eega jedhaniiru.

Gamaaggama tarsiimoo walii galtee piriitooriyaa har’a jalqabe ilaalchisuun gama naannoo Tigiraayirraas ta’e mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaarraa hanga ammaatti wwan jedhame hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG