Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beelli Afriikaa Mudate Irra Hedduun Harka Namaatu Fide: Hayyoota


Beelli Afriikaa Mudate Irra Hedduun Harka Namaatu Fide: Hayyoota
Beelli Afriikaa Mudate Irra Hedduun Harka Namaatu Fide: Hayyoota

Waggaa beelli kana duraa caalu Afriikaa keessatti babal’atee jira. Tokkummaan mootummootaa kutaa Sudaan kibbaa hanga tokko keessa beelli jiraachuu isaa fi ardittii keessaa kanneen miliyoonaan laka’aman rakkoo wabii nyaataan miidhamuu isaanii beeksisee jira.

Sababaan beela kanaas adda adda ta’uun beekameera. Hayyoonni garuu rakkoo inni hamaan sababaa waraanaan ta’uu ibsaniiru.

Naannoo hanga tokko keessatti hongeen sababaa yoo ta’u walitti bu’iinsi garuu dhugumatti sababaa guddaa ta’uu angawaa gameessi dhimmootii gargaarsa maallaqaa US chris Hillbruner beeksisaniiru.

Hongeen sababaa ta’us, garuu yeroo baatii rooba itti aanuu irraa dandammachuun ni danda’ama, walitti bu’iinsi walitti aanee ennaa jiraatu garuu uummata gargaaruuf rakkisaa ta’a jedhan.

Jarmayaan gargaarsa daa’immanii UNICEF biyyootii Afriikaa afur jechuun Nigeria, Sudaan Kibbaa, Somalia fi Yemen qofaa keessaa ijoollee miliyoona 1.4tu qarqara du’aa jiraachuu akeekkachiisee jira. Biyyoonni kun arfan wal waraansaa fi lootee seentummaa gidduutti danqamanii jiru.

XS
SM
MD
LG