Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Barnoota Sadarkaa Olaanaa Itti Fufsisuuf Qophiin Akka Jiru Ibsameera


Itiyoophiyaa keessatti sababaa weerara vaayrasii koronaan kan ka'e barnoonnii gidduun eega dhaabatee baatii 4 ykn 5 ga'e jira.

Waggaa haaraa biyyatti 2013 tti barnoota sadarkaa olaanaa itti fufufsisuuf karoora akka qabu ministeerri saayinsii fi barnoota sadarkaa olaanaa ibsee jira.

Karoorri kun gama marsariitiin (online) barsisuu yoo ta'u ammaaf barnoota isaanii gama marsariitiin kan jalqaban barattoota digrii lammataa fi sadaffaaf baratan ta'uun ibsamee jira.

Barattonni yunivarsitii kan waggaa jalqabaa akkasumas barnoota oogumaa fi Tekniikaa baratan garu kan hin dabalanne ta'u ministeera Saayinsii fi baruumsa sadarkaa olaanaaf daayreekteera kutaa komunikeshinii kan ta'an Obbo Dachaasaa Gurmuu ibsanii jiran.

Haallii weerara vaayrasii Koronaa ilaalamee barattonni qormaata barumsaa sadarkaa 2ffaa ta'anii qabxii olaanaa fiduun Yunivarsitii seenuuf jiran warra duraan waggaa tokkoffaa eega seenanii booda adda kutee waliin akka itti fuufan karoorri jira.

Itiyoophiyaa keessatti kan mootummaa kan ta'an Yunivarsitiwwanii fi koleejoonnii 45 kan jiran yoo ta'u kan dhunfaa 250 ta'uun ibsamee jira.

Gaaffii fi Deebii Guutuu Caqasaa

Itiyoophiyaa Keessatti Barnoota Sadarkaa Olaanaa Itti Fufsisuuf Qophiin Akk Jiru Ibsameera
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:46 0:00


XS
SM
MD
LG