Wal waraansa humna raayyaa Ittisa biyya Itiyoophiyaa fi humnoota hidhattoota Faannoo gidduutti Godina Walloo Kaabaa keessatti taasifamaa jiruun namoota geejiba konkolaataan Dasee irraa gara Waldiyaa akkasumas Waldiyaarraa gara Daseetti imalanirratti haleellaa rasaasaan fudhatamuun konkolaattoonni rukkutamuun namooonni miidhaaf saaxilamuu namoonni ijaan arganii fi kanneen miidhaan irra ga’eeru Sagalee Ameerikaatti himan.
Godina Kaaba Walloo bakkoota gaarreewwan itti baay’atanitti yommuu hunoonni waraanaa mootumma fi Faannoo Jimaata darbe gaafa Eebila 25 bara 2016 wal waraansa taasisaniin imaltoota Daseerraa gara Waldiyaa deemanii fi waldiyaarraa gara Daseetti imalaa turanirrratti miidhaan qaqqabeera. Namni maqaan isaanii akka himamu hin feene tokko Sagalee Ameerikaatti akka himanitti Konkolaataa Miniibaasii deddeebisa Uummataa magaalaa Waldiyaa irraa gara Daseetti imalaa ture rasaasaan rukkutamuu isaarraa kan ka’e Konkolaachisaa dabalatee namoonni du’aniiru jedhan .
Haala namoota imalarra osoo jiranii rasaasaan rukutamanii kan ilaaleen hospitaala Waldiyaarraa deebii argachuun bilbila hoogganaa Hospitaalichaa Fissahaa Yehuwaalaawutti bilbillee wal ga’iirra akka jiran ibsanii ergasii bilbila isaanii hin kaasan.
Guyyaa har’aas ganama barii sa’aatii 12 irraa kaasee Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa naannoowwan Shawwaa Roobitii fi Armaaniyaatti wal waraansa humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti taasifamaa tureen konkolaattoonni imaltoota fe’anii Finfinneerraa gara Daseettii fi Daseerraa gara Finfinneetti Imalaa turan yoo xiqqaate sa’aatiiwwan sadiif dhaabbatanii turan jechuun Daseerraa Mesfin Arraageetu gabaase
Forum