Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sababaa Wal Waraansaan Naannoo Amhaaraa Keessatti Barnoonni Addaan Cite Turuun Dhiibbaa Hawwaasummaa Dhaqqabsiisaa Jira Jedhame


FAAYILII - Waajjira Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa
FAAYILII - Waajjira Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa

Naannoo Amhaaraa bakoota walitti bu’insoonni uumamanii jiranitti ji’oota Sagaliif manneen barnootaa addaan cituu hordofee barattootarra fuudhaa fi heeruma umrii malee dabalatee dhiibbaawwan hawwaasummaa biroo dhaqqabaa jiraachuu maatii fi barsiisoonni Sagaleen Ameerikaa dubbiseeru himu. Godina Goojjaam Kaabaa Maqaalaa Adeet jiraachuu kan himanii fi nageenya isaaniif sodaa qabanirraa maqaan koo akka hin ibsamne kan jedhan namani dhuunfaan tokko naannichatti ji’oota Sagaliif manneen barnootaa hojiirra waan hin turreef maatiin egeraa ijoollee isaaniirratti abdii akka hin qabaanne isaan tasisuu fi heerumni umrii malees babal’achaa jiraachuu himaniiru.

Barsiisaan biraan maqaa isaanii ibsuu hin feene tokko dabalataan akka himanittis miindaan barsiisoota irraa hin dhaabbatiniiyyuu malee barattoonni barnoota addaan kutuun miidhaa hawwaasummaa fi xinsammuu fideera jedhaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsaa UNOCHA’n torbaan kana keessa gabaasa baaseen ,hanga ji’a Eebilaa kanaatti sababa wal waraansaan manneen barnootaa Kuma dhibbaa Afurii fi 178 cufamanii turuu ibsee , manneen barnootaa 300 irratti miidhaan qaqqabeeras jedheera. Manneen barnootaa 350 immoo tajaajila kennaa hin jiran. Manneen barnoota Godinaalee Goojjaam Bahaa, Goojjaam lixaa fi Gondor Kibbaatti dhibbeentaa 89 ta’an cufamanii jirus jedheera OCHA’n gabaasa isaa keessatti. Haala kanaanis Naannoo Amhaaraa keessatti barattoonni barnootarratti argaman dhibbeentaa 35 qofaa ta’uus ibseera.

Hoogganaan biiroo barnootaa naannoo Amhaaraa Deggisew Mellesee Yaada Korporeeshinii Miidiyaa Amhaaraaf kennaniin ji’a Hagayyaarraa kaasee naannicha keessatti rakkoon nageenyaa uumammuun barnootarratti dhiibbaa uumeera jedhanii bara barnootaa kanatti barattoota miiliyoona 6.2 galmeessuuf karoorri qabamus barattoota miiliyoona 3.6 qofatu galmaa’e jedhaniiru. Itti dabaluunis manneen barnootaa 3000 ol cufamanii turuu mirkaneessanii bakkoota nageenyi itti deebi’eeruiitti manneen barnootaa 364 hojii baruu fi barsiisuu jalqabaniiru jedhaniiru jechuun Bhaardar irraa Asteer Misgaanaawutu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG