Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessa Haanqinni Nyaataa Hamaan Jira: USAID


FAAYILII - Baqattoota nyaata qarqarsaa USAID dhan dhihaate fudhachaa jiran,Sudaan, Bitootessa, 24, 2021.
FAAYILII - Baqattoota nyaata qarqarsaa USAID dhan dhihaate fudhachaa jiran,Sudaan, Bitootessa, 24, 2021.

Itiyoophiyaa keessa haanqiinni nyaataa hamaan jiraachuu isaa kan ibse jaarmayaan misooma sadarkaa addunyaa kan Yunyaaytid Isteetis (USAID) Doolaara Miliyoona 80 dabalataan gargarsa ramadeefii jira.

Itiyoophiyaa keessatti caama mudatee beela hordoofsiseera yoo ta’e beekuuf odeeffannoon sirrii ta’e argachuu akka hin dandeenye kan ibsee USAID gargaarsa namoomaa kan hatattamaaf kan ooluu Doolaara Miliyoona 80 dabalataan ramaduu isaa ibseera.

Dhaabbata kana keessatti kutaa gargaarsa namoomaaf gargaartuu bulchiitu kan ta’an Sonaalii Koordee Sambata darbee, Embaasii Yunaaytid Isteetia isa Finfinnee keessa jiruutti tuuta oduuf ibsa kennaniin, dhiibbaa caamnii dhaqqabsisee ilaaluuf, bulchiinsa naannoo Afaarii fi Tigraayiin daawwadheera jedhan.

Afaar keessa naannoo Baraahilee kan jiru waaltaa irraa nyaata raabsan arguu isaanii ibsuun, USAID fi jaarmayoonni isa waliin hojjatan kan biroon, namoota gargaarsa kana dursa argachuu qaban adda baasanii, maatiin mata mataatti lakoobsa namoota of-jalatti qabatee waliin haala wal simateen gargaarsa akka argatan ta’u argeera jedhan.

Tigraay keessattis, naannoo wal waraansaa fi caamaan miidhaman keessaa tokko kan ta’e Abargallee arguu isaanii ibsanii, aanaa sana keessatti baatii Muddee dabree kaasee, marsaa afuriin gargaarsii raabsamuu dubbatan.

Hospitaala haadholii fi daa’imman gargraaruu tokko arguu isaanii, baatii 6 keessatti hanqiina nyaataaf kanneen saaxilaman, daa’imman kuma 3 akka itti gargaaraman ibsan.

Haala waliigalaa naannoolee lameen keessatti arganis Sanaalii Korde ennaa ibsan

Iddoo lamaanittu, sadarkaa nama ajaa’ibuun, dhabamuu nyaataa fi hanqiina nyaataan wal qabatee, fedhiin nyaataa guddaan akka jiru argeera.Kanneen rakkoo keessa jiran waan nyaatan tokko akka hin qabne ifatti mul’ata. Kliiniikii nyaata madaalamaan itti kennamuu keessatti daa’imman ani argee, haanqiina nyaataan akkaan miidhamaniiru. Haallii akkasii yeroo mudatuu immoo, duutii hedduun akka mudatuu beekna jedhan.

Ija koo fi qalbii koon kaniin hubadhe, hawaasa keessaa kanneen gargaarsii akkaan kan isaan barbaachiisu akkasumas haala hamaan namoonni miidhaman jiraachu isaanti jedhan.Daafoo wal waraansaa irraa bayyanachuuf yeroo yaalan caamnii isaan mudatee immoo rakkoo biraaf isaan saaxileera jechu isaanii Gabra Mikaa’eel Gabra Madhin Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG