Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo magaalaa Baahirdaaritti Har'a Ganama Sagaleen Dhukaasaalee Guguddaa Dhaga'aa Turuu Jiraattonni Dubbatan 


FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Sadaasa06, 2020. (AFP)
FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Sadaasa06, 2020. (AFP)

Naannowwan Magaalaa Baahir Daar marasanii jiranti, har’a gara barii lafaa jalqabee dhukaasa guddaa dhaga’amaa ture hordofee Baahir Daar keessatti sochiin ramaddii dhaabachuu isaa jiraattonni sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Bakka Abbaay Maadoo fi Lidataa jedhamuun beekaman irraa Jiraattonn sagaleen Amerikaa haasoofsisee akka jedhanti har’a laftii bari’uuf yeroo deemuu irraa kaasee sagalee meeshaalee waraanaa gurguddoo dhaga’aa turuu isaanii ibsan.

Sodaa nageenyaaf jecha akka maqaan isaanii hin ibsamnee kanneen gaafatan fi naannoo Abbaay Maadoo jedhamuun beekamuu keessa akka jiraatan kan ibsan namnii tokko akka jedhanti,lafa bari’uuf deemuu sa’atii 11 fi Daqiiqaa 22 irraa kaasee hamma sa’atii 2 ta’uuf daqiiqaan 10 hafeetti, dhukaasa meeshaalee waraanaa gurguddaa dhaga’aa akka turan ibsan.

Namnii kun itti dabaluudhaanis, sababaa dhukaasa dhaga’amaa tureen mana keessaa ba’u akka hin dandeenye magaalaa Baahir Daar keessas sochiin tokko akka hin jirree bilbilaan ibsanii jiru.

Dargaggoon Jiraataa magaalaa Baahir Daar ka biraan kan akka maqaan isaa iccitiin akka qabamuuf gaafate tokko, har’a ganama abba aisaa dhukkuuba Sukkaaraa qaban gara Finfinnee ti geessuun wal’ansisuuf akkeeka akka qabaataa turee fi garu sababaa dhukaasa sanaan, manaa ba’u waan hin dandeenyeef jecha imallii balalii xayyaaraan saganteeffate fashaluu ubsee jira.

Mootummaan Bulchiinsa Naannoo Amaaraa har’a ibsa baaseen, magaalaa Baahir Daarii fi nananoo isheetti, raayyaan ittisaa fi humnootiin nageenyaa humnoota fiinxaaleeyyii jechuun waaman , manaa gara manaatti deemuun sakata’uun qulqulleessaa akka jiru ibse.

Ibsii kunis, bulchiinsa naannoo sana keessatti hojiin seera kabajsisuu haala guutuu ta’een gaggeeffamaa jira jechu isaa Asteer Misgaanaawuu Baahir Daar irraa gaba

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG