Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Maqaleetti Namoonni Miindaan Sooramaa Ji’oota 18 Nuuf Hin Kaffalamne, Jechuun Hiriira Bahan


Magaala Maqalee, Naannoo Tigraay (suuraa faayili)
Magaala Maqalee, Naannoo Tigraay (suuraa faayili)

Naannoo Tigiraay Magaalaa Maqalee keessatti namoonni Soorama ba’aniiran miindaan Soorama keenyaa turtii ji’oota 18 f nuuf hin kaffalamne jechuun guyyaa har’aa hiriira nagaa ba’aniiru. Namoonni dhibbootaan lakkaa’aman kanneen galii sooramaa isaaniin jiraatan magaalaa Maqalee keessatti Kamisa har’aa kaffaltiin Soorama keenyaa turtii ji’oota 18’f nuuf hin kaffalamane jechuun dhaadannoowwan qabachuun gara daandiitti ba’uun hiriira taasisaniiru.

Namni hiriira kanarratti Sagaleen Ameerikaa dubbiseeru Tseggaay Amduu waggoota 39 f hojii barsiisummaan tajaajilaa akka turan himanii Yeroo wal waraansi Kaaba Itiyoophiyaatti taasifamaa ture kaffaltiin Soorama keenyaa kan ji’oota 18 nuuf hin kaffalamne waan ta’eef gaaffii keenya qabannee gara daandiitti baane jedhaniiru. Namoonni har’a hiriira nagaa taasisan kunneeni mootummaan deebii akka nuuf kennu jechuun gaafataniiru.

Jalqabarratti waajjira Ejeensii wabii waldaa hojjettoota mootummaa Federaalaa kan Magaalaa Maqaleetti argamu fuula duratti sagalee isaanii erga dhageessisaniin booda gara biiroo bulchinsa mootummaa yeroo kan naannoo Tigiraayitti deemuun waan wal fakkaataa taasisaniiru. Naannoo Tigiraay keessatti namoonni sooramni kaffalamuuf kuma 68 ol akka jiran hiriira kanarratti ibsameera.

Waajjira Ejeensii wabii waldaa hojjettoota mootummaa Itiyoophiyaa kan dame Kaabaatti bakka bu’aa kan ta’an Obbo Tawaldee Lemmaa gaaffiin namoonni sooramaan jiraatan kun dhiyyeessan gaaffii sirrii fi fudhatama qabau jedhanii mootummaan Federaalaa fi kan naannoo Tigiraay deebisuuf waliin dubbachaa jiru jedhaniiru.

Erga waliigalteen Piriitooriyaa mallatta’een booda namoonni miindaan sooramaa nuuf hin kaffalamne jchuun hiriira nagaa ba’an kun inni har’aa marsaa lammaffaadha jechuun Maqalee irraa Muluugeetaa Atsibahaatu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG