Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Mootummaa Iccitiin Qabame Kan ‘Koree Nageenyaa’ Jedham Ajjeechaa fi Hidhaa Oromiyaa Keessaa Ajajaa Jira: Qorannaan Haarawa Bahe


Koreen Mootummaa Iccitiin Qabame Kan ‘Koree Nageenyaa’ Jedham Ajjeechaa fi Hidhaa Oromiyaa Keessaa Ajajaa Jira: Qorannaan Haarawa Bahe
Koreen Mootummaa Iccitiin Qabame Kan ‘Koree Nageenyaa’ Jedham Ajjeechaa fi Hidhaa Oromiyaa Keessaa Ajajaa Jira: Qorannaan Haarawa Bahe

Koreen Iccitii qondaaltota gameeyyii Oromiyaa, riphxee looltoota Oromiyaa keessaa caccabsuuf jecha ajjeechaa seeraan ala fi hidhaa seeraan alaa akka gaggeeffamuuf ajajuu isaanii qorannoon Rooyitarsiin gaggeeffame beeksisee jira.

Rooyitars qondaaltota federaalaa fi naannoo, abbootii murtii, abbootii seeraa fi kanneen miidhaan aangawootaan irra gahe 30 ol waliin gaaffii fi deebii gaggeessee jira.

Kana malees galmeelee qaamolee siyaasaa fi haqaa naannootiin wixinamanis gamaaggameera. Gaaffii fi deebiin gaggeeffame akkasumas galmeeleen kunneen, yeroo jalqabaatiif hojii Koree Nageenyaa –kan MM Abiy Ahmad bara 2018 gara aangootti erga dhufanii ji’oota keessa socho’uu jalqabe irratti hojii gaggeeffame kan calaqisee yoo ta’u, kanaan dura koreen kun jiraachuun isaa hin gabaafamne .

Qondaaltonni mootummaa ammaa fi duraanii shan Rooyitarsiif akka himanitti, koreen kun fincila waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) waggoota dheeraaf Ummata Oromoof mirga hiree murteeffannaa fi mirga afaanii fi aadaa argachuu, Oromoon yeroo dheeraaf siyaasaa fi hawaasummaan logiin irratti gaggeeffamaa jira jechuun komachaa ture sana dhaabuuf, wiirtuu tattaaffii Dr Abiyyi gochaa jiran ti jedhan.

Bara 2019 yeroo mormiin haaraan ka'u mootummaan tarkaanfii cimaa fudhate. Kana keessatti, Koree Nageenyaa dursa kan fudhate tahuu qondaaltonni shanan kun himanii jiru.

Hokkora Oromiyaa keessatti uumameen namoota kuma dhibbaan lakkaa'aman qe'ee isaanii irraa buqqisee jira. Mootummaan Itoophiyaa fi qondaaltonni mirga namoomaa WBOn bara 2019 irraa eegalee lammiilee nagaa hedduu ajjeese jechuun himatu, himannaa kana garu WBOn haalee jira.

Bal’ina qorannaa kanaa qophilee keenya turban dhufuu keessatti fudhannee dhiyaanna.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG