Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu'iinsi Shawaa Kaabaa Keessaa Lubbuu Namaa Galaafate


Walitti Bu'iinsi Shawaa Kaabaa Keessaa Lubbuu Namaa Galaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:02 0:00

Walitti Bu'iinsi Shawaa Kaabaa Keessaa Lubbuu Namaa Galaafate

Naannoo Oromiyaa godina Shawaa kaabaa Aanaa Hidhabuu Abootee keessatti sababa humnoonni nageenya motummaa fi WBO wal waraansa waliitin namoonji gidduutti namoonni nagaan 14 du'aniiru jedhan jiraattonni sagalee Ameerikaaf yaada kennan. Akka jiraattonni kun jedhanitti, lolli kun ammallee itti fufee jira. Bulchiisa aanaa Hidhabuu Abootee, magaalaa Ejeree, godina Shawaa kaabaa, biiroo koomunikeeshinii Oromiyaa fi biiroo bulchiinsa fi nageenya Oromiyaa irra deebiin argachuuf yaaliin Sagaleen Ameerikaa deddeenisee taasise har'aaf hin milkoofne. Haa ta'uu malee tibbana yaa'ii caffee Oromiyaa irratti kan dhimma nageenya Oromiyaa irratti dubbatan pirezdaantiin naannoo Oromiyaa Obbo shimaallis Abdiisaa qaamoleen hidhatan naannoo Oromiyaa keessa socho'an WBO karaa nagaan akka galan waamicha dhiheessuun, “mootummaa tarkaanfii olaantumaan seeraa kabajchiisuu jalqabe cimsee itti fufa” jechuun isaanii ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG