Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota WBO Gidduutti Lolli Shawaa Kaabaa Keessatti Geggeessamaa Jiru Namoota Nagaa Miidhe: Jiraattota


Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota WBO Gidduutti Lolli Shawaa Kaabaa Keessatti Geggeessamaa Jiru Namoota Nagaa Miidhe: Jiraattota
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:52 0:00

Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota WBO Gidduutti Lolli Shawaa Kaabaa Keessatti Geggeessamaa Jiru Namoota Nagaa Miidhe: Jiraattota

Naannoo Oromiyaa, godina Shawaa Kaabaa, aanaa Dagam keessatti walitti bu’iinsa humnoota nageenyaa mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti uumameen namoonni nagaa sadii du’uu fi sadii ka biroon madaa’uu jiraattonni naannoo sanaa himan. Akka jiraattonni kun jedhanitti walitti bu'iinsi kun ammaa Daran cimee itti fufee jira. Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa gama isaan naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa Bahaa, Qeellam Wallaggaa fi Gujii Bahaa keessatti duula waraanaa gaggeessa akka jiru fuula feesbuukii isaa irratti beeksisee jira. Tahus waldhabdee godina Shawaa kaabaatti deemaa jiru ilaalchisee waanta ifa taasise hin qabu.

Ajjeechaa fi waraansaa deemaa jira, jedhan kana ilaalchisee rakkoon cimaan akka isaan mudatee jiru ka jiraatonni Sagalee Ameerikaatti himan ilaalchisee, bulchiinsa aanaa Dagam , godina Shawaa Kaabaa fi biiroo bulchiinsa fi nageenya naannoo Oromiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG