Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Yaa’ii Waliigalaa Har’a Jalqabe 


Wajjira muummee Mootummota Gamtoomanii, Niiw Yoorki, Fulbaana 21, 2021.
Wajjira muummee Mootummota Gamtoomanii, Niiw Yoorki, Fulbaana 21, 2021.

Yaa’iin Waliigalaa Tokkummaan Mootummootaa kan torban kana Niiw York keessatti hoggantoota addunyaa walitti fidu, walgahii har’a gaggeessuun kaayyoo misoomaa addunyaa guutuu galmaan ga’uuf tattaaffii saffisaa taasifamu irratti xiyyeeffata.

Barreessaan dureen Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarres walgahii Wiixata har’a jalqabamuu dura akka jedhanitti, Galmoota Misooma Itti Fufiinsa Qaban 17 keessaa 15 qofatu bara 2030tti galma ga’uuf karaa qbqtee jira. Akka mootummootaatti, akka daldalaatti, akka miseensota hawaasa siiviiLiitti, akka dargaggootaatti, akka rogeeyyitti, Har’a marii keessan yeroo jalqabdan waan guddaa akka yaaddan fi hawwii guddaa akka qabaattan isin gaafadha. Yeroon kun kan ssuta itti tiratamuu miti. Yeroon kun yeroo jijjiiramaati — harka hundaa itti hirmaachuu qaba jedhan.

Kaayyoon lafa ka’amees hiyyummaa dhaabuu, beela dhaabuu, anniisaa gatii madaalawaa ta’e argachuu mirkaneessuu, jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarkaanfii hatattamaa fudhachuu, walqixxummaa saalaa guddisuu kan dabalatu dha.

Gama laaniin, Dilbata kaleessaa Gaazii faalama qilleensaa hordoofsisuu fayyadamuun akka dhaabatuu prezidaant joo Bbaaydiniin kan gaafatu hiriirrii tokko magaalaa Niww Yoork Man haatan keessatti gaggeeffamee jira. Hiriirri torbeef turu kan haala jijjiirama qilleensaa kan eegale yoo ta’u, yeroo hoggantoonni addunyaa Yaa’ii Waliigalaa Tokkummaa Mootummootaaf Niiw Yoork keessatti walitti qabamanitti gaggeeffama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG