Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumiin Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii Wixata Dhufe Jalqaba 


FAAYIILII - Alaabaa waajjia Mootummoota Gamtoonamii funduratti, Fulbaana 22, 2022
FAAYIILII - Alaabaa waajjia Mootummoota Gamtoonamii funduratti, Fulbaana 22, 2022

Walgahiin mootumoota gamtomanii wixata dhufu jalqabu, caalatti waa’ee lola Yuukreen kessaa jiruu, wa’ee misoomaa fi jijjirama qileensaa irratti akka xiyyeeffatu ibsameera.

Walgahiin mootummoota gamtoomanii marsaa 78ffaan kan jalqabu Wixata dhufu Fulbaana 18 bara 2023 yemuu ta’u, baranas wagga lammafaadhaaf wa’een walwaraansa Yukreeni fi Raashaa ijoo dubbii isa guddaa akka ta’u gabaasamaa jira.

Biyyoottan guddachaa jiranuus rakkinaa isaanii kan yeroo ammaa isaa ta’e, waa’ee misoomaa, qaala’insaa jireenyaa fi jijjirama qileensaa irratti akka xiyyeeffatan ibsamee jira.

Barreessaan muummee dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guuterees walgahichaa ilaalchisuudhaan ibsa kennaniin,

“Kan walgaahuuf deemaa jiru yeroo namummaan gidiraawwan jajjabaa dura dhaabbachaa jiruutti. Haala jijjirama qileensaa hammaachaa demaa jiruu irraa kaasee amma waltibu’insaa babalachaa deemaa jiruutti, rakkinaa qaala’insaa jireenyaa, dhabinsaa walqixummaa olka’aa adeemaa jiru , jeequmsaa tekinooloojiin umaa jiru keessatti. Ummaanni karaa waan badaa ta’e kana keessaa ittin baha hoggantoota isaa irraa eega.”

Jedahniiru.

Guteerees itti dabaluudhaanis, waa’ee lola Yuukreen keessatti taasifamaa jiruutifi kanneen biroo irratti maryachuudhaaf bakkii jiraa jedhaniiru.

Akka dhaabbanni mootumoota gamtoomanii jedhutti rakkoowwan yeroo ammaa aduunyaa muudatan haala amma jiruun itti fufu taanaan, namoonni adduunyaa miiliyoonii 500 fi miiliyoonii 75 kiyyoo iyyummaa keessaati qabamanii turuu danda’u.

Walgahii prezidaantin Yuukreen Volodomiir Zeleniskii irratti hirmaatuu jedhamee kana irratti, manni maree nageenyaa dhimmaa Yuukreen irratti akka walgahii mataa isaa taasisuu ibsamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG