Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa Mana Mareef Gabaasa Dhiyeessan


Karoora guddiina misoomaa fi Traansformeeshinii waggaa sahaniif qabanne xumuruuf walakeessa waggaatu hafa kan jedhan Mummichi ministeeraa Haayle Maariyaam Dassaaleeny waggootii darban kudhan keessatti guddinni dinagdee argame giddu galeessaan waggaa waggaan harka 10.9 akka ta’e ibsan. Bara biyyattiin keessa jirtu 2007 keessatti guddinni misoomaa karoorfame harka 11.4 ta’uu ibsan. Omiisha gara biyya alaatti ergamu jajjabeesuun akkaan barbaachisaa ta’uu isaa fi sharafa biyya alaa haala itti fuufiinsa qabuun argachuuf yaaliin ta’u hirkattummaa fi deggersaa liqaa biyyoota alaa irraa Itiyoopiyaa walaba taasisuuf ta'uun ibsamee jira.

Magaalaalee biyyatti keessatti bulchiinsa gaariin dhabamuu kan ilaaleen tarkaanfiin sirreessuu fudhatamuu isaan jijjiramni hangi tokko kan argamee ta’uus amma iyyuu hojii guddaatu nu eeggata kan jedhan mummichi miniseeraa Haayle Maariyaam kana dhabamsiuuf leenjiin marsaa lamaa kennamu ibsan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:27 0:00
Xurree marsariitii
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:27 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG