Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jermen, Waluma Irra Marsitee Biraazil Taphaan Jaanjessitee 7-1 Garaftee Dorgommii Addunyaatii Baaftee Ufii Ammoo Itti Dabarte


Biraazil guyyaan kun hin dhufaa jettee hin eenne.Keessumattuu yoo biyyaa fi biyyee isii irratti dorgommii Waancaa Addunyaa bara hagam itti qophahaa baate kanatti. Taatullee Biraazil tapha Jermenii waliin taphattu irratti Neeymaar, fi Thigo Silvaa dhabuun isii nama hedduuyyuu akkuma du’aa yaaddessaa bahe.

Qabbana sodaatanii bisaan bu’uu hin dhiisanii baanananii,ta sodaatanilleen hin oollee Jermeniin biyya nugusa kubbaa miilaa jedhaniin,Biraazila daqiiqaa 18 keesatti goolii shanitit itti guurtee awwaara itti qotte.Yoma taphii jalqabeeyyuu Jermeniin Biraazikl kubbaa ilaan arguu dhoorte fakkaatti. Kubbaa walumatti kennaa,Biraazil joorsani jajaanjessan.

Goolii qaraa taphataa Jermenii Mulleritti daqiiqaa 11 irratti keessa buufate, Kholsi daqiiqaa 23eessootti itti dabale,Kroos daqiiquma tokko qofa jalaa hafee innilleen tokko irra buusee sadii galte.Kroos daqiiquma lamaa qofa jalaa hafee ammallee tanaan lammeeffachoo jedhee daqiiqaa 26essoo irratti goolii lammeessoo galfate.Khediraalleen eennutti dhaba gala re’e jedhe fakkaataa gamaa buruurrachaa dhufee daqiiqaa 29eesso keessatti gooli tokkoo galfatee daqiiqaa 29 keesatti Jermeniin goolii shan neettii Biraazilitti guurte.

Boqonnaan duuba ammoo Schürrle daqiiqaa 10 keesatti gooli lama galfate,ta qaraa daqiiqaa 69esso irratti ta lammeessoo ammoo daqiiqaa 79essoo irratti galte.Taphataan Chelsea kun boqonnaan duubatti jijjiiranii seene.Biraazililleen tokkollee taatu dhaba hin gallee daqiiqaa 90essoo irratti taphtaan isii Oscar daqiiqaa 90eessoo irratti goolii tokkoo galcheef.

Yoo Jermeniin biyyumaa fi biyyee Biraazil keesatti biyya nugusa kubbaa jedhaniin taan akkana saree itti qaltu kana gumiin kuma hedduu ta Biraazil deeggarttii istaadiyoomii Estadio Mineirao baafatte taan kaan harqee boohaa,kaan ammoo harka maratee miila diriirfatee hirkatee taaha,kaan harkatti afaanit goge,kaan cuqii cuquriilleen afaanii hin baatu ufuma iluma ququlba.

Ka TV laaluu fi dirree taphaa keessaa jiruu waan jedhu dhabee gumiin balloon caqalli jettee maalayatti taphataan beekamaan Biraazil,ka cinaachii caphee wasaasaan fuudhanii dirree taphaatii galchan,Neymar.Fuluma ciisuutti ykn taahutt waan innii tahu tahu garaan numa arga.Thaigo Silvaa ka seera taphaa balleesse jedhanii adabanillee sunuma.

Biraazil akkana fuula addunyaa duratti dhaanamuu tana ganna 39 keesstti argitee hin beettu.Abdiin isiin istaadiyoomii isii Maracanaatti waancaa addunyaa Sanbata dhufu taphachuuf qabaatte barana hin taaneef.

Biraazil bara1920 keessa dorgommii Copa America irratti Uraagaayin moohmate.Biraazil ganna 12 asitti akkana biyyaa fi biyyee isiitti moohamtee hin beettu.

Biraazil,biyyitii kubbaa miilaa akka waan ilmee dhaltee jaalattu akkana moohamuun leenjisaa Isii Scholarif dhiisi dhaloota dhufullee garaa hin badu.

Adoo tana jennuu bara 1954 West Germany Australi’a 6-1 garaftee baaftee asitti akkana dorgommii waancaa addunyaa ta biyyitii 4 walti hafte irratti goolii heddun akkana wal moohanii hin beekan.

Woma taateefuu bara tokko moo’anii bara tokko mooganii,Biraazil waan asiin duratti moo’ate mi’eeffachaa ta baranaa ammoo hadheeffachaa jiraatti.

Jermeniin ammoo tana waliin marroo afreessoof waluma faana waancaa addunyaatii dabartee gammachuun waancaa Awurooppaatiin galuuf kurfoo jirti.Itti aantee Arjentiinaa ykn Nezeralaandisi waliin taphatti.

Dorgommii Waancaa kubbaa miilaa addunyaa bara 2014 Snabata itti yaanu kana dhumattii haga ammaatti goolii 167tti gale,borii Arjentiinaa fi Nezerlaanditti waliin taphata.

Warrii moohatee lafa dhiitaa qiliixamaa dorgommii itti aanutti dabraa warrii moohame ka akka Biraazil faan ammoo mataa buusaa,eegee luuxxessaa gara itti galanitti galana.Woma taateefuu kun moohuuf moohamuun amala ispoortiiti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG