Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgomtoota prezidaantummaa Ameerikaa fi walitti bu'iinsa Siiriyaa


 Senator Marco Rubio
Senator Marco Rubio

Ameerikaan yeroo jalqabaaf humnootii addaa

Labsiin jimaata daerbee kun duula filannoo presidentummaa irratti falmii ka biroo dabale. Haa ta’u malee bara 2017 president Obaamaa bakka bu’uuf dorgomaa jiran kaadhimamtoota prezidantummaa garee Republikaanotaas haa ta’u kan demokraatotaa biraa deggersa cimaa hin arganne.

Republikaantichi Senator Maarkoo Ruubiyoo finxaaleyyiin IS lolamuu qaba jedhan. Ruubiyoon akka jedhanitti kan injifatu nuuyis haa ta’u isaan, Siiriyaa qofaa keessatti dhaabaa hin jiran. Iraaq keessa qofaatti duula geggeessuu hin dhaaban jedhan. Kanaaf jarreen kun injifatamuu qabu. Kan nuti injifachuunii dandeenyu bakka teessumaa isaan dhabsiisuu dhaani jedhan Ruubiyoon.

Senator Ruubiyoon prezidaant Obaamaan addunyaa isalaamaa keessatti qabsoo cimaa booda injifannoon argame jechuu dhaan Ameerikaa maallaqa guddaa baasisan jechuun qeeqan.

Presidentichi kun jedhan Ruubiyoon waadaa waan hunda karaa duraa kaasna gamasii ba’aa jirra jedhuun adeemaa turan. Iraaq keessaa baana falmii jedhuunis filataman. Yeroo dhiyootti immoo Afgaanistaan keessaa baanaa na filadhaa jechaa turan jedhan.

Senator ARuubiyoon waraanni Ameerikaa heddumminaan Islamic State/IS/tti duuluuf akka bobba’u yaada jedhu kallattiin hin deeggeran. Bakka Sanaa jedhan irra jireessi giddu galeessa ba’aa finxaaleyyii warra Sunnii-tti akka duuluuf daran hojjechuu qabdi.

Yaadi isaan dhiyeessan kan kaadhimamaan presidentii garee dimokraatotaa Bernie Sanders jedhanii waliin wal fakkaata. Sanders loltoota hanga 50 illee haa ta’u Siiriyaatti bobbaasuun jalqaba cicha gara isa hedduutti adeemuu ti jedhan.

Loltoota shantama jechuun jedhan Saanders, loltootuma shantama. Sodaan koo garuu Ameerikaan ammas rakkoo xumura hin qabaanne, lola itti fufiinsa qabu gidduutti keessatti danqamti kan jedhu. Addunyaan dhimma kana irratti tokkooumuu qaba jedhan Sanders.

Duulli filannoo kan Demokraatittii kaadhimamtuu prezidentummaa Hiilary Kilintons ibsa baaseen loltoota murtaa’oo ta’an qofaa Siiriyaatti bobbaasuutu wayya jechuu isaanii beeksisse. Lolli guddaan giddu galeessa bahaa keessatti geggeessamuu isaa garuu mormanii jiran.

Kaadhimamtuu Prezidaantummaa Ameerikaa Hilarii Kiliinten
Kaadhimamtuu Prezidaantummaa Ameerikaa Hilarii Kiliinten

White House Siiriyaatti kan ergaman humnootii addaa leenjisaa fi deggersa loltoota Siiriyaaf kennan qofaa ta’uu cimsuun yaadachiise.

Humnootiin ergaman kun duula waraanaa irratti hin bobba’an kan jedhan dubbi himaan White House Josh Earnest prezidaantichis kanneen kun tarsiimoo keenya kan dandeettii humnootii naannoo Siiriyaa keessaa ijaaruu akkasumas ofii isaanii of danda’anii duula biyya isaanii keessatti ISIL irratti geggeessamu ofii akka dhuunfatan gochuuf jiru saffisiisuuf dhiibbaa qabaata jkedhan. Angawoonni ministrii ittisaa akka jedhanitti loltoonni Yuunited Isteets torbanneen dhuftu keessa Siiyriyaa seenuuf jiru jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG