Xurree ittiin seenan

Breaking News

Falmiin Pirezidaantummaa Ameeriikaa Shororkeessummaa fi Nageenya Biyyoolessaa Irratti Fuulleffate


Kaadhimamtoota Prezidaantummaa paartii Ripablikaanii
Kaadhimamtoota Prezidaantummaa paartii Ripablikaanii

Fillanno pirezdaantumma USA kan bara 2016 irratti dorgomuuf kan duula nafiladhaa kaadhimamaa geggessaa jiran miseensonni dhaaba Ripabliikaani 9 falmii kaleessa yeeroo shanaffaaf taasisan irratti waayee nagaa biyyoolessaa fi shororkessumma irratti faaran xiyyeeffataniiru.

Falmiin Nevaadaa, magaala Laas Vegaas-tti geggeffame kun erga haleellan shoororkeesitootaa magaala Paarisii fi Kaaliiforniyaatti ta’ee as isa jalqaba fi oo’aa ture. Dhimmi nageenyaa biyyoolessa erga haleellan shororkeessotaa hammaatee lammiilee Ameerikaa yaddeessa dhufuun isaa akka dorggomtooni kun kanarratti xiyyeffatan tasiiseera.

Dorgomtoota san keessaa tokko kan ta’an - Donald Trump Musliimoota lammii Ameeriikaa hin taane biyya keenya akka hin galle dhoowwu qabna jedhee diheenyaa waan dubbateef dorgomtoonni kaan kannaratti faallaa isaa dubbatan. Falmiin dorgoomtoonni kun geggeessaniin baayyinaan kan xiyyeeffate dubbii ijoo Ted Kruzii fi Marco Rubiiyoo kan ture - waa’ee ISIS mo’achuun dandda’amutti. Ripaabilikaanonni kun falmii isaanii kan itti’anuuf ji’a Amajjii kesaa walitti deebi’u.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:03 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG