Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Godaantootaa fi Baqatootaa


Korri walii gala kan Tokkummaa Mootummotaa inni 70ffaan magaalaa New York keessatti gaggeeffamaa yeroo jiru kanatti Kora walii gala cinatti walgahii gaggeeffaman ka biroo keessaa tokko kan ta’e waa’ee godaantootaa fi baqatootaa irratti mari’atee ture.

waggaa darbe keessa qofa uummanni Miliyoona 60 caaluu dirqamee manaa fi jireenya isaanii irraa godaanuu isaanii kan ibsan barreessaa dureen Tokkummaa Mootummotaa Baan kii Moon kaleessa immoo waa’ee godaantootaa fi baqatootaa kan ilaaleen yaaddoo qaban hogganoota addunyaa waliin mari’atanii jiru.

Yeroo Loola waraana addunyaa isa lammaffaa sana caalaatti amma godaansaa fi fixiinsa uummataa dhaqqabe jedhan Ban Kii Moon.

Waa’een Godaansaa furmaata argachuu isaa dura itti gaafatama jiru hojii irra oolchuuf ibsa ejjennoo fi qajeelfama akkaataa itti hojii irra oolfamuu isaa qabxii 8 of kan of-keessaa qabu ba’uu isaa Baan ki moon ibsanii jiru.

Furmaanni godaantootaaf filatamaa ta’e fedhii isaaniin kabajaan isaanii eegamee haala nagaa ta’e keessatti qe’e ofiitti akka deebi’an gochuu dha. Wal waraansaa fi gidiraa dhaabuuf hojii keenya jabinaan itti fufuu qabna. Garuu walitti bu’insi halkan tokkotti kan dhabamuu danda’uu miti jedhu.

Hogganoonni addunyaa rakkoo uumameef qophaa’uu qabu jechuun waamicha kan dhiyeessanTokkummaa mootummotaatti Ambaasadarittiin yunaaytiid Isteetes Samanta Powers waan ifa gochuu qabnuutu jira. Innis waan hojjataa jirru hundumtuu akka arginuutti qubsaa miti. Waan barbaachisu attamitti sossoofnee akka itti gargaaramnu, hin barre. Dhaabatootii dhuunfaas ta’e namoota dhunfaa hirmaachisuu hin dandeenye.

Amerikaan aadaa godaantoota simachuu akka qabdu ibsanii, kanneen rakkooo jalaa miliqanii dhufan gargaaruu fi akkasumas bilisummaan isaanii akka kabajamu gochuun harka keenya diriirfannee simanna kan jedhan samantaa powers kanas gidiraa hedduu keessa darbanii Amerikaa kanneen dhaqqaban dhugaa nu ba’u jedhan.

Yunaaytiid Isteetes gargaarsa dhala namaaf kan oolu Doolaara Biliyoona 4.5 arjoomtee jirti. Kunis kanneen walitti bu’iinsa siriyaa keessaan midhamaniif oola.Kana malees Doolaara Miliyoona 400 fi Miliyoona 78 lammiwwan Iraaq kanneen jireenya ofii irraa buqqa’aniif laanne. Kanaaf addunyaa irratti gargaarsa dhala namaa guddaa biyya arjoomtee taanee jirra jedhu

Prezidaant Obaamaan amma akka labsanti jedhan baqatoota kuma 85 bara dhufu addunyaa irraa simachuuf akkasumas/ kuma 100 waggaa isa itti aanuutti simachuuf jirra jedhan Samantaa Paawoors.

Akka dhiyeenya kana mul’ataa jiru galaana Medtraaniyaan fi iddoo adda addaatti lubbuu namaa du’an dhabamaa jiru oolchuuf/ yaalii ta’aa jiru kan jejee walga’iin kun kaayyoon walgahii kanaa hirmaannaa addunyaa jajjabeesuuf akka qophaa’e ibsamee jira.

Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:25 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG