Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimmi Baqattoota Oromoo Torban Dhufu Mana Murtii Keniyaatti Ilaalamuuf jira.


Loogoo UNHCR
Loogoo UNHCR

Haala Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru dheessuun gara Keniyaatti ituu baqatanii biyyatti gama kaabaa Marsaabeet keessatti qabamanii kan hidhaman barattonni Oromoo 28 dhimmi isaanii har’a mana murtii duratti ilaalamuuf ture gara torban dhufuutti akka jijjiramu kan gaafate Jaarmayaan Baqattotaa kan Tokkummaa mootummootaa(UNHCR) damee Keeniyaa ta’u beekamee jira.

Kunis dhimmi baqattoota kana sirritti ilaaluu fi mirga baqattummaa qaban kabajuuf akka ta’e Keniyaatti dubbi himaan UNHCR Duuk Imwaanchaa ibsanii jiru. Kana malees Abukaatoota dhaabbata mirga baqataaf dhaabatan gamasitti erguuf yeroo nu kenna jedha UNHCR. Waa’ee baqattoota koolu galtummaaf gara Keeniyaa dhufanii, dhuma torbee darbee mootummaan Keeniyaa immigreeshinii Itiyoophiyaatti dabarsee kenne oduu jedhu mootummaan Keeniyaa haalee jira.

Waa’ee dhuma torbee darbe baqattoota Itiyoophiyaa 25 keeniyaan dabarsitee immgireeshinii Itiyoophiyaaf laattee ilaalchisuunis Mootummaa Keeniyaatti waajjira dhimma baqattootaa DRA gaafannee kan turre yoo ta’u, dhimma kana ilaalchisuun odu himaan waajjirichaa Stanley Nyale, waa’ee waan kanaa yeroof yaada isiniif kennuu hin danda’uu jedhan. Haa ta’uyyuu malee waajjirichi yaada dhaabbata baqataa UNHCR damee Keeniyaaf kenneen, ta’een kuni akka hin taane haaleera.

Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:43 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG