Xurree ittiin seenan

Breaking News

Harargee Bahaa fi Dhiyaa akkasumas Godinni Shawaa Lixaa Maal Keessa Oolan?


Hiriira Mormii Oromiyaa
Hiriira Mormii Oromiyaa

Har’a waaree irratti barataa yunivarsitii Haromayaa waggaa arfaffaa kan ta’e Tolosaa Dhufeeraa gamoo sadaffaa irraa kufee miidhaan erga irra ga’ee booda lubbuun isaa darbuu barattoonni hiriyoota isaa ta’an nuuf ibsanii jiran. Ambulaansiin Tolasaa fi hiriyoonni isaa gara Hospitaalaatti ittiin deemaa turan garuu balaan konkolaataa isa mudachuu isaa nuuf ibsan barattoonni kun.

Gama biraan Godina Harargee dhiyaa aanaa Masalaa magaalaa Shomee keessatti milishaan naannoo Dargaggoo Bariisoo Seeid Alii Mancaan kukkutanii iddoo biraa geessuun hallayyaa keessatti gatan jechuun jiraattonni dubatanii jiru.

Garuu Itti gaaaftamaan waajiira polisii aanaa masala Obbo Nagaash akka jedhantti Milishaa dhaan hin ajjefamne reeffi isaa hallayyaa keessaa argamee qorannaaf Hospitaala Miniliik isa Finfinnee jiruutti ergameera jedhan.

Qaami isaas guutuu waan ciccite hin qabu jedhan. Gama kaaniin godina shawaa Lixaa aanaa adaa bargaa magaalaa Incinnii keessatti baratoonni hiriira ba’uun ibsamee jira. Magaalaa Moogar keessatti immoo baratonni Oromoo nu biraa hidhaman haa hiikaman jedchuun barattonni barnoota eega dhaabanii torban lama ta’uun ibsamee jira.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:13 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG