Xurree ittiin seenan

Breaking News

Du'a Dargaggo Abdataa Ol'aansaa Irrattii hoospitaalli Ibsa Kenne. Barataan Awwaalcha Abdataa Irraa Deeb'ia Turees Ni Ajjeefame


Ka baatiilee 6 dura magaalaa Amboo keessaa qabamee mana-hidhaa Federaalaa Finfinnee keessa jirutti hidhamee ture, dargaggoo Abdataa Ol’aansaa Hospitaala Abet, ka Finfinnee jiru galfamee eega wal’aanamaa turee booda, Wixata dabre kana du’aan boqochuu isaa kaleessa gabaasnee turre. Bakka dargaggoo Abdataa ol’aansaa itti boqote, Hospitaala Phaawuloos jalatti Abet Hospiaaliif direktotra ka ta’an Dr. Ismaa’el Shamsaddin akka jedhanitti, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Mudde 11 bara 2008 gara Hospitaala isaanii ka fidame dargaggoo Abdataan akka ragaan harka isaanii jiru agarsiisutti mana hidhaa federaalaa irra gar sana geessame. “yeroo sana mana hidhaa keessatti of wallaalee argame, jechuudhaan mana hidhaa tu wal’aansaaf fide. Yeroo sana dhibee isaa baruuf qorannaa adda addaa tu irratti geggeessame.

Abdataan waan of hin beekneef, otuu gara hospitaala keenyaa hin dhufiin dura haala fayyaa isaa adda baafachuu hin dandeenye.” jedhan. Daariqa sammuu ta’uu mala jennee waan yaadneef, waan sirriitti illee hafuura baafachuu hin dandeenyeef akka meeshaadhaan hafuura baafatu gochaa turre.”, jedhan itti fufanii.

Gama biraatiin, sirna awwaalcha dargaggoo Abdataa Ol’aansaa irratti argamee otuu deebi’uu rasaasaan dhawamee ka du’ee barataa Leencoo Dinqeessaa reeffi isaa Finfinnee dhaa eega deebisamee booda har’a gara ganda dhalata isaatti geessamee jira. Reeffa isaa gara bakka dhalata isaa Waddeesa jedhamutti geessaa kanneen turan – firoota isaa keessaa tokko Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti, barataa Leencoo otuu awwaalcha Abadataa tii deebi’aa jiruu rasaasaan haleelame.

Achii booda reeffi isaa humna waraanaa mootummaatiin fudhatamee booda akka awwaallatan warra isaatti kenname. Yeroo maatiin reeffa fudhatee magaalaa Amboo keessa darbaa jirus akka isaan dhaabatanii hin boonye. Akka callisanii fudhatanii gara ganda dhalata isaa geessan dirqsiisaman. Awwaalchi isaa boori.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:22 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG