Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammii Ertraa fi mirga gondaantotaaf ka falman Abbaa Musee Zeraay Nobelii Nagaaf Kaadhimamaa ta'uun dhiyaatan


Abbaa Musee Zeraay
Abbaa Musee Zeraay

Kan yeroo ammaa Switzerland keessa jiraatan Lammiin Ertraa Abbaa Mussie Zerai hoogganticha amantii kaatolikii Pope Francis fi chancelorttii Germany Angela Merkel waliin torban kana badhaasa Nobel nagaaf kaadhimaman.

Abbaa Mussie-n erga bara 2003 qabee godaantotaa fi baqattoota kanneen andaara galaana Mediterranian irratti dararaan irra ga’e gargaaraa turan.

Bakka godaantonni fi bidiruun koolu galtootaa fi baqattoota baatte irraa dhufaa jirus humnootii galaanaa fi waardiyyaalee andaara galaanaatti beeksisaa turan. Hojii isaanii kanaaf oolchaa baqattootaa maqaan jedhu kennameefii jira.

Abbaa Museen akka jedhanitti kan badhaasa kanaaf na kaadhime nama haala suukaneessaa baqattoonni galaana medtraniyan irratti, walataalee hidhaa fi gammoojjii keessatti irra ga’e kan hubate. Yoon badhaasa kana injifadhe jedhan abbaa museen

Haala jiru ni jijjiirama jedheen abdadha. Sana jechuun gamtaa Awrooppaa qofa utuu hin taane hawaasa addunyaa kan ani gaafadhu, furmaati jiru baqattoota kana Afriikaa irraa gara Awropatti darbarsuu utuu hin taane rakkoo isaanii kan biyya isaanii keessaa furuu dha.

Kanaaf biyya isaanii keessatti jireenya amansiisaa akka argatan, dimokraasiin, walabummaan akka jiraatu gochuu fi mirga isaanii eegsisuu dha. Kana gochuu yoo baanne waggaa waggaatti balaa wal fakkaatu kan namoonni lubbuu isaanii dhaban arguuf jirra jedhan.

Abbaa Museen akka jedhanitti baqattoonni ani mooraalee keessatti haasofsiise imalli isaa sodaachisaa ta’us filannoo ka biroo waan hin qabaanneef baqachuuf dirqamne waan jedhaniif rakkoon biyya isaanii keessaa furmaata akka argatu hawaasa addunyaaf waamicha dabarsuu isaanii Salem Solomon gabaaseteetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG