Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koolu galtummaan Awrooppaa Shorokeessummaa hammeessuu mala jedhamaa jira


Koolu galtoota gara Awrooppaatti yaa'an
Koolu galtoota gara Awrooppaatti yaa'an

Shororkeessaatu baqattootaan dahate. Abbootiin alangaa Ferensaay Ahmad Al-Mohammad naanno dirree kubbaa miillaa Paaris cinatti ka boombii ofitti dhoose lammii Ferensaay ta’uu kaleessa mirkaneessan.

Paspoortiin isaa sobaa kan lammii Siiriyaa ta’uu isaa mul’isu reeffa isaa cinatti argame.

Ashaaraan quba Al-Mohammad kan angawoonni Girikii odola Lerostti baatii Onkololessaa keessa ennaa koolu galtoonni 70 ta’an andaara galaana biyyattii dhaqqaban kaasan waliin wal fakkaata.

Hoogganaan paartii Ferensay kan “far right National Front” jedhamuu ennaa dubbatanKoolu galtoonni kun gandeen fi magaalaalee Ferensaay keessa faca’uun sochii uummataatti kanaanis magaalaa galma mootummaa keenya qofaa utuu hin taane magaalaalee Frensaay illee haleeluu malu sodaa jiru uume jedhan.

Poolaand keessaa immoo kan haaraa filatame paartiin safuutti cichuu fi kan murtii haqaa waa’ee baqattoota qubachiisuu ilaalchisee walii galtee Awrooppaa keessaa ba’uu akka malu akeekkachiise.

Tole kan nuti simachuu dandeenyu yoo mirkanuu nageenyaa arganne qofa. Kun dhimma ijoo dha. kun naannoo Awrooppaa mara gaaffii keessa galcheera jedhan.

Brusselsis rakkoo koolu galtummaa Awrooppaa waliin wal qabatee ka jiru balaa shororkaa ilaalchisee akeekkachiistee jirti.

Balaa uumameef isaan komachuu jechuun kanneen miidhaan irra ga’e yakkamoo gochuu dha. Kun waan nuti goonu keessaa isa dhumaa ti jedhan.

Xiinxaltoonni kanneen haleellaa raawwatan irra hedduun lammiiwwan Awroppaa ti jechuun akeekkachiisaniiru.

ISIS gama dhiyaa keessatti haleellaa raawwachuu barbaannaan, shorokeessummaa karaa baqattootaa seensisuun irra hin jiru. Hawaasaalee dhuma keessaa filachuu danda’u.

Gareen mirga namaa Amnesty International deebii rifaasisaan jiraachuu akka danda’u akeekkachiise.

Kan nuti amma nu barbaachisu hooggana nageenya amansiisaa ta’e nuu eegu. Kana jechuun mirgi kanneen eegumsi barbaachisuu utuu hin dhiitamin jedhee jira.

ISIS immoo muddama koolu galtummaa Awrooppaa keessa muddama inni muumetti gargaaramuu yaala jechuun xiinxaltoonni beeksisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG