Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Oromoo Humnaan qabamanii Itiyoopiyaatti deebisamaa jiru jedha hawaasi Oromoo achi jiru


Faayilii: Baqattoota Oromoo, Kenyaa
Faayilii: Baqattoota Oromoo, Kenyaa

Mootummaan Keeniyaa lammilee Oromoo baqannaaf gara keeniyaa dhufan 25 ta’an dirqamaan Mootummaa Itiyoophiyaaf dabarsee kenne jechuun dura taa’aan hawaasa Oromoo Naayiroobii Obbo Shaggaa Araddoo Raadiyoonii VOAtti himan. Kana malees baqattoonni Oromoo silaa gara keeniyaa seenuuf deemaa turan 41 ta’anis to’annaa jela oolaniiru. Dubbi himaan Dhaabbata Baqataa UNHCR damee Keeniyaa Mr. DUUK IMWAANCHAA dhimma kana ammaaf quba hin qabnuu garuu waan jedhamu kana hordofnee kan bira geenyu ta’a jechuun VOAf ibsaniiru.

Baqattoota Oromoo 12 gaafa jimaataa darbe 13 immoo Wixata ture mootummaan Keeniyaa dabarsee waajjira immiigreeshinii Itiyoophiyaa Moyyaalee jirutti dabarsee kan kenne. Obbo Shaggaa Araddoo dursaan hawaasa baqattoota Oromoo Naayiroobii raadiyoo sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti, mootummaan Keeniyaa rakkoo baqattoota kanaa gadi fageenyaan osoo hin ilaalin dabarsee mootummaa Itiyoophiyaaf kennuun waan nama gaddisiisu jedhan.

Obbo Shaggaan akka jedhanitti Namni tokko daanagaa keeniyaa seennaan gaaffii tokko malee immigreeshinni Keeniyaa qabee Immigreeshina Itiyoophiyaaf kennaa jiraa. Fakkeenyaaf raga qabatamaa argameen dhiyoo kana nama 12 qabee immigreeshina Itiyoophiyaatti kennee, kaleessa immoo ijoollee 12 mana murtii Meeruutti dhiyaatanii turani, gara biyyaatti akka deebifaman taasisaman jedhanii, immigreeshina Itiyoophiyaa Moyyaalee jirutti erga kennamanii booda, Wixatuma darbe ijoollee sadii qabanii Immigreeshina itiyoophiyaatti kennan jechuu dha. Waanni amma godhamaa jiruu namni tokko daangaa cabsee as seennaan, gaaffiin biraa hin jiruu qabanii achi deebisuu callaadha jedhan obbo Shaggaan.

Dhimma kanas dubbi himaa jaarmayaa baqataa UNHCR ka damee Keeniyaa irraa MR. DUUK IMWAANCHAA, waa’ee kana quba qabaachuu isaanii gaafatamanii ammaaf waantin dhagaye jiraachuu baatus garuu itti adeemnee hordofnee beeksifna jedhan.

Gama biraan immoo sanbata darbe saba himaaleen keeniyaa humnootni nageenyaa itiyoophiyaa daangaa keeniyaa cabsanii seenuun lammilee keeniyaa lamaa fi meeshaa waraanaa fudhatanii miliqan jechuun gabaasaniiru. Gaazexoonni Keeniyaa Daily Nation fi The standard jedhaman akka gabaasanittii, Kutaa bulchiinsa maarsabiit ganda Borii jedhamtu keessatti sanbataa ganama gara sa’aatii lamaa humnootiin hidhatan kan mootummaa Itiyoophiyaa gocha kana akka raawwatan koomishinera Maarsabiit Moofaat Kaangii wabeeffachuun gabaasaniiru.

Dhimma kana ilaalchisuun Mootummaan Keeniyaa ifaan waanti inni dubbate jiraachu baatus Koomishiner Kaangiin garuu waanti kuni karaa diippiloomaasiitiin kan hordofamu ta’aa jechuun dubbatan.

Dhuma waggaa darbees mootummaan Itiyoophiyaa miseensota poolisii keeniyaa sadii daangaa keeniyaa darbee seenuun ajjeesuu isaa gaazexoonni kuni gabaasa isaanii keessatti dabaluun gabaasaniiru.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:34 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG