Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti Aanaan Ministera Haajaa Alaa Amerikaa Imaltuuf Afrikaa Jiraa Itoophiyaatti Goree Bulchootaan Wal Mari’ate


Itti aanaa ministera haajaa alaa USA,Tom Malinowski (VOA photo - N. Ching).
Itti aanaa ministera haajaa alaa USA,Tom Malinowski (VOA photo - N. Ching).

Tom Malinowiskii,ittti aanaan ministera haajaa alaa damee demkiraasii,mirga namaa fi hujii imatluu Afirkaa dhaqeef hardha Itoophiyaa jiraa,ministera odeeffannoo obboo Geetaachoo Reddaatii fi bulchoota akka akkaatiin wal mari’ate.

Akka odeeffannoo Ministerii Haajaa Alaa US irraa arganenetti mariin tun ta pirezidaanti Obaamaan ganna dabre muummee ministera Itoopbhiyaa,obboo Hayilee Maariyaam Dessaalenyi waliin diidessinee wal dubbata faana dhufte.

Bulchootii tun dhimma Oromiyaatii fi akka biyyitii keessa jirtu irratti wal dubbatan.Keessattu haala Oromiyaa irratti mootummaan Itoophiyaa ummatii Oromoo yaaddoo qaba jedhee amanuunuu akka jecha Maalinowiskiitti waan duratti nama deemsisaati.

Malinsowiskiin Riwaandaatti dhaabbilee ummataa waliin karaa sab-qunnmatii jabeessu dandahaniin,karaa dhaabbilee mootummaa hin tahin tohataniin fa irratti mari’atan.

Burundiitti ammoo faaydaa ariifatanii mirga namaa eeguuf qorachuun barbaachisaa taheef dubbatan.

Keenyaatti ammoo bulchoota mootummaa, paarlaamaa, dhaabbilee ummataa, abbootii amanatii fi tii fi bulchoota mootummaa nagaa eegan waliin waan heddu iratti mari’achuuf deema.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG