Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Godina Booranaa, Magaalaa Dubluq faa Keessaa fi Waa’ee Barataa Shawaa Lixaa, Magaalaa Gooroo Soolee Keessatti Ajjeesame, Jedhamee


Hiriira Mormii Oromiyaa
Hiriira Mormii Oromiyaa

Godinaa Booranaa, magaalaa Dubluqii fi magaalaa Areeroo keessatti hiriirri mormii geggeessamuu isaa jiraattonni dubbataa jiran. Gama biraatiin, Godinaa Gujii, aanaa Oddoo Shaakkisoo, ganda Magaaddoo keessatti gara xumura torban dabree irraa jalqabee uummata mormiif yaa’ee fi humnoota waraana federaalaa gidduutti walitti-bu’insa uumameen gama uummataa irraa yoo xiqqaate namoonni sadii du’uu isaanii, jiraattonni naannoo dubbataa jiran.

Guutummaa sanaa fi aanaalee kaan keessatti humnoonni mootummaa federaalaa akka jiraattota, keessumaa dargaggoota reebaa fi hiraarsaa jiran illee dubbatan. Bulchaan magaalaa Shaakkisoo, Obbo Waddeessaa Waaqoo garuu, “kan aanaa keenya keessa jiru warruma aanaa bulchan gaafadhaa. Magaalaa ani bulchu, Shaakkisoo keessatti garuu guyyaa tokko illee mormiin ka’e hin jiru. Hiriirris hin geggeessamne, miidhaan humnoonni federaalaa raaw’atanis gonkumaa hin jiru.” jedhan.

Gama birana Godiina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kutaayee magaalaa Gooroo Soolee keessatti gaafa Roobii Guraandhala 24 bara 2016 barataa kutaa kudhanii kan ture Mootummaa Fayyeeraa jedhamu humnootii waraana mootummaa Itiyoophiyaan ajjefamuu jiraattonni maatii isaatti dhiyeenya qaban ibsanii jiru.

Mootummaa Fayyeeraa, Barataa kutaa 10. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gooroo Sooleetti Guraandhala 24,2016 ajjeefame.
Mootummaa Fayyeeraa, Barataa kutaa 10. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gooroo Sooleetti Guraandhala 24,2016 ajjeefame.

​Itti gaafatamtoonni waajiira poolisii ka duraan achi turaniis ta’e kan haaraa muudaman waa’ee du’a barataa kanaa waan beeknu hin qabnu jedhu.Itti aanaa bulchaan magaalaa Gooroo Soolee Obbo Diroo Siiqaa, "walakkeessa halkanii booda yeroo lama dhukaasa dhageenyee eega turree booda yeroo lafti bari’u barataa Mootummaa Fayyeeraa ajjefamuu dhageenye. Sana booda deemnee lafa kufetti argine," jedhii, eenyu akka ajjeese garuu akka hin beekne dubbatu.

Obbo Diroo Siiqaan, yeroo qorannaa gaggeessinetti, kanneen iddoo sana turan, "waraanni mootummaa mana cabsee erga seenee booda barataa Mootummaan dheessuuf yaalee rasaasaan iddoo lama rukutamuu isaa argiineerra jedhan" jedhanii ,"qorannaa poolisiin gaggeesse homaa akka hin agarre dubbatan bulchaan magaalaa Gooroo Soolee.

Gabaasaa Guutuu armaa gadiitti caqasaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:07 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG