Xurree ittiin seenan

Breaking News

DV bara 2017f galmaa’uun kan xumuramu Sadaasa 3 bara 2015


Carraan DV kuma 50 ta’u kan bara 2017 qophaa’uu isaa Finfinneetti kan argamu Embasiin Ameerikaa beeksisee jira. Waggoota 12n darban lammiiwwan Itiyoopiyaa kuma 36,797 DV dhuma Kanaan Ameerikaa seenuu isaanii beekameera.

Itti aanaa qoonsilaan embaasii Ameerikaa Joshuwaa Emarks akka jedhanitti galmeessuun DV bara 2017 Onkoloolessa 1 bara 2015 ykn akka lakkoobsa Itiyoopiyaatti Fulbaana 20 bara 2008 kan jalqabame ta’uu isaaf kibxata Sadaasa 3 bara 2015 ykn akka lakkoobsa Itiyoopiyaatti Onkoloolessa 23 galgala sa’a tokko irratti kan cufamu ta’uu beeksisaniiru.

Carraan DV waggaa waggaatti ba’u kan baranaa kun lakkoobsi isaa kuma 50 ta’uus Mr. Maarks ibsanii jiran. Carraan kunis abbaa dhaqqabe kan ga’u si’a ta’u ulaagaan guutamuun irra jirus jira jedhan.

Ulaagaan kunis nama kutaa 12 xumure, waggoota shanan darban keessa muuxannoo hojii waggaa lamaa nama qabuu fi kana dura leenjisaa waggootii lamaa kan qabu ta’uu beeksisaniiru.

DV dhaaf foormiin guutamu maallaqa kan baassisu utuu hin aane marsariitii DV kan sirnaa www.dvlottery.state.gov irraa argachuun ni danda’ama.

Maallaqi kan baafamus yoo carraan kun nama ga’ee gaaffii fi deebiif dhiyaatan qofa jedhan Mr. Maark. Biyyoota addunyaa 184 DV keessatti hirmaatan keessaa Itiyoopiyaan tokko.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG