Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirez.Obaamaan Mana Maree Yunaaytid Isteetsif Hasahaa ogga ogaan Dhihaatu Kaleessa Taasise


Prez.Obama, State of Union
Prez.Obama, State of Union

Pirezdaantiin Yunaaytid Isteets Barack Obama kalessa galgala hasaha ogga oggan “State of the union address” jedhamu kan congreesii biyyattiiti dhihaatu yeeroo tasisanitti congreesiin biyyatti ogaa tokkof odoo ta’in ogootii shanaan dhufaniif san caala irratti akka fulleffatu gaafate.

Piresidaantiin ummataaf waadaa abdii gaarii kennudhan beekamu kun kalessas onnee guutuu fi kutannodhan, ture kan hasaha isaa geggesse. Waayee shororkkesitoota yeeroo dubbatu “Amerikaa tuqxanii jennaan,faanuma teessan jirra.” jedhee, Shororkeessitoonni biyya kana keessatti ka’anis ta’e kan biyya biraa akka haleellaa lubbuu namoota dhabsiisuu gechisuu dandda’an beekna, garuu kun birmadummaa biyya keenyaa gafii keessa hin galchu, kongireesiin dhugumaanuu akka waraana kana moohannuu fedhee waraana keennaa fi addunyaatti ergaa erguu feenaan akka ISIS lolu haa nu hajajuu gafate.

Pirezdaant Obaamaan siyaasa sanyii fi amantii irratti xiyyeefatu erga balaaleeffatee booda; ilaalchii gama siyaasa biyyatti keessa adaan fagaachaa dhufuun na gaddisiisa jedhee yaada hammata Ripuublikaanonni kennanis qeequdhan dinagdeen USA gadii bu’a jira jechuuis ololaa akka ta'e dubateera.

Obaamaan uggurri daldalaa Kuubaa irra jiru akka ka’uu fi dhimmi daldalaa “Trans pacific Partnership (TPP)”USA biyyoota garba Paasifik gama jiran waliin daldaluuf baafte akka Kongireesisin raggaafamu gafateera.

Bulchiituun godina Karolaayinaa Kibbaa (South Carolina) Nikki Haley hasaaha Obaamatiif deebii gama Ripubilikaaniin deebii kenniteeratti;

“Akka adunyaatti waliigaltee biyya Israa’eel keessatti fudhatama argatee biyyaa Iraan kessatti balaaleffatamurra gahuu barbaanna malee kan Israa’eel balaaleffattee Iraan fudhattu miti.” jettetti.

Paartii Rippaabilikaan irraa, Maatti Gaammon gama isaatin Obaaman kongireesii irraa deebiin argadha jedhee odoo hin ta’in namoota fuul duratti seenaa isaa barreessanitti mullachuudhaaf qofa gaafille isaa dhiheefata jedheen yaada jedha.

Hariiroo Yunaaytid isteets biyyotta biraa wajjin qabduu laalchisee, Obaaman ibsaa balla kan kenne yeroo ta’u, Biyyonni Afrikaa akka umaata isaanii nyachisaani fi Iboolaa lixa Afrikaa irra baleesuu dabalatee gargaarssi Yunaaytiid Isteets gootu nageenyaa ofii egsisuu wajjin hidhata qaba jedhaniiru.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:38 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG