Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paayleetii xuyyuura Itoophiyaa Butee Jenevaa Teessise Amala Nama Dhiba Mataa Qabuutti Irraa Mullata Jedhan


Waan gargaaraa paayleetti Itoophiyaa dhiyoo tana xuyyuura Itoophiyaa Finfinnee Xaliyanatti deemu butee Jenevaa teessisee harka kennatee hedduu jejjedhan.

Namii hagii tokkoo dhiba mata qaba,kaan nama waan dansaa hojjate jedhaa kaan nama biyya nagaa dhowwee jedha.

Akka obboleessii isa Dr.Endaalemmawu Aberraa jedhetti waan tahe mala muruun duratti qorannoo poolsii biyya Swiss ta dubbii tana harkaa qabdu eeguu wayya.

Qorannoon mootummaan Swissi itti jiru kunuu tana mirkansuu dandeetti jennee abadannaa jedha obboleessii isaa kun.

Mootummaan Itoophiyaalleen waan paayleetii kanaa ammatti ballisee waan dubbate qabaachuu baatullee paayleettii kana seeraan himachuuf itti jira.

Taatullee akka obboleessii paayleetii kanaa VOAtti himetti obboleessa isaa irraa amala nama dhiba mataa qabuutti irraa mulalta.

Tamuufuu qorannoo poolsii Swissi irra wan jiraa qulqulleeffachuu wayyaa jedha obboleessii isaa kun.Gargaraan paayleetii Itoophiya kuyn balleessaa irratti arginaan haga ganna 20 hidhamuu dandaha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG