Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Mormii Oromiyaa Irratti Himata Mootummaa Itoophiyaatii fi Deebii ABO


Toleeraa Adabaa (Bitaa) fi Getachoo Raddaa (Mirga)
Toleeraa Adabaa (Bitaa) fi Getachoo Raddaa (Mirga)

Mootummaan Itoophiyaa haala Oromiyaa keessa jiru laalchisee ibsa kenne. Gaazexeesitootaf ibsa kana han kennan ministirri dhimmoota kominikeeshinii Itoophiyaa ,Obbo Geetaachoo Raddaa, mormiin Oromiiya keessatti ji’ota darbaan ture ittuma fufeera jechuun haala jiru han ibsuu mitti jedhan.

Mormiiwwaan master pilaaniidhan walqabatanii ta’aa turan karaa nagahaa fi naamusaan haa turu malee, dhiheenya kana garuu bifa jijjiirrachaa dhufe han jedhan ministirri kun, mormii Arsii Lixaatti akka fakkeenyaatti fudhatanii ,“Waan Arsii Lixaatti ta’e duuba han jiru yakkamtoota hamtuu ta’an - qehee dha qeeheetti deemuudhaan lubbuu namootaa balleessani,qabeenya namoota fi mootumma mancaasani - Kana birahuu darbanii manoota amantii han akka waldaa kiristaanaa fi masjiidaa barbadeesaniru,” jechuudhan dubbatan.

Kara biraatiin immoo miseensoni dhaabota siyaasaa biyya keessa jiran tokko tokkos jeequmsa uumame jedhan kana harka keesaa qabaachuu ibsaanii yeero ibsaan obbo getaachoon,

“Keessumattuu addaan baasee dubbachuudhaaf, Koongireesiin Federaalawaa Oromoo, baayinaan namoota yeeroo dheera gareewwaan shororkessumadhan bekkaman wajjiin hojjachaa turaniin guutameera. Hoggantoonni dhaaba kana karaa seeraas karaa seeraan alaas hojjachuu yaaluun irratti mullata. Fakkeenyaf mormii Shawaa Lixaatii fi Kibbaatti geggeefame irratti hoggantoonni Kongireesii Federaala Oromoo jeequmsa uumuu irratti hirmaataniru” jedhan.

Ministerri kun tarkaanfiin humnoonni mootummaa fudhatanis kan madaalli eege ta’uu isaa himanii odoo san ta’u baatee badii hammana hin jedhamnettu gaha tures jedhan.

Mormii Oromiyaa kana irratti hubaatiin namoota sivilii fi,humnoota mootummaa irra gahees koomishiinin mirga namomaa Itoophiyaa qorachaa jira, dhiheenyattis gabaaasa dhiheessa jedhaniru.

Ibsa mootummaan Itoophiyaa kenne kana laalchisee miseensi koree raawwachiistuu fi dubbii himaan Adda Bilisumma Oromoo obboo Toleeraa Adabaa ibsii mootummaadhan kenname kun gaafii haqaa ummani qabuu fi qabsoo ummanni godhachaa jiru dhoksuufi jedhan.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:33 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG