Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantoti Itiyoophiyaa Harka Taanzaaniyaa Seenan


Taanzaaniyaa
Taanzaaniyaa

Poolisiiin Taanzaaniyaa baqattoota lammilee Itiyoophiyaa 44 ta’an kutaa bulchiinsa biyyattii Taangaa jedhamtu keessatti to’annoo jala oolche.

Lafti isaan itti qabaman Taangaan kallattii kaaba baha Taanzaaniyaatti argamtu yoo tahu baqattoota kanaa gara magaala guddoo biyyattii Taanzaaniyaa seenuu akka ta’e ajajaan poolisii kutaa bulchiinsa Taangaa Koomaander Miskeeyilaa Mis-haayoo dubbatanii jirani.

Baqattoota kana keessaa tokko ka ta’en Solomoon Fiqruu ka’umsi deemsa isaanii Moyyaaleerraa akka jalqabee fi hojii barbaacha gara Taanzaaniyaa akka dhufan dubbata.

Solomoon Fiqruu Baqataan seeraan ala Taaanzaaniyaa seente jedhamee poolisii biyyattiitiin qabame wanni jedhu ‘nuti Itiyoophiyaa dhaa dhufnee, Moyyaaleerraa kaasee haga asii ka nu fides konkolaachisaa keenya kana. Nuti waanti nu feenu yoo jiraate hojii hojjennee ittiin of bulchinu dha’ Solomoon to’annaa poolisii Taanzaaniyaa jala kan oole lammilee Itiyoophiyaa 43 ta’anii waliiniin ture.

Ka’umsi deemsa isaanii magaala daangaa Keeniyaa fi Itiyoophiyaa Moyyaalee yoo ta’u utuu milkaa’eefii silaa magaala guddoo Taanzaaniyaa Daar Es Selaam seenuu akka ture dubbata. Kutaa bulchiinsa Kaaba baha Taanzaaniyaa kan taate Taangaa keessattis sakatta’a kellaa irratti ka qabaman Solomooni fi lammileen Itiyoophiyaa kaan amma to’annoo poolisii biyyattii jela jiru.

Ajajaa Humna Poolisii Taangaa kan ta’an Koomaander Miskeeyilaa Mis-haayoo, baaqattoonni kuni ka to’annoo poolisii jala oolan bakka adda addaatti ta’uu dubbatu. Dursa ka qabaman bakka Koorugwee jedhamutti yoo ta’u isaan kaanimmoo dheengadda Kibxata darbe Taangaa dhuma keessatti bakka Misaambiyaazii jedhamutti humna poolisii naannoo saniin to’annaa jala oolan.

Baqattoota Itoophiyaa kana kan konkolaataa fe’umsaatiin sharaa itti uwwisee isaaniin deemaa ture konkolaachisaan tokko yoosuu to’annaa jala yoo oolu haalli isaan itti fe’amanii deemaa turan silaa ka balaaf isaan saaxiluu danda’u akka ture Koomader Miskeeyilaan dubbatanii jirani.

Baqattoonni kun amma kutaa bulchiinsa Taangaa keessa to’annaa poolisii jela ka jiran yoo ta’u, ajajaan poolisii naannochaas seeraan ala daangaa Taanzaaniyaa cabsanii waan seenaniif ni himatamu jechuun dubbatan.

Amajjii darbes lammileen Itiyoophiyaa 80 ol ta’an daangaa Taanzaaniyaa fi Maalaawii gidduutti poolisii Taanzaaniyaan qabamanii kan turan yoo ta’u baqattoonni haaraan amma qabaman jedhaman 40 ol ta’an kun yoo itti dabalaman lakkoofsi baqattoota Itiyoophiyaa to’annaa poolisii Taanzaaniyaa jala jiranii gara 120tti ol kaasuu isaati.

Dhuma ji’a darbee keessas mootummaan Taanzaaniyaa lammilee Itiyoophiyaa seeraan ala biyyattii keessatti qabaman kana gara Itiyoophiyaattin deebise erga jechuun beeksisus, haga yoonaa garuu baqattoota sana ifaan gara biyya isaaniitti deebisee erguu isaa waanti dubbate hin jiru.

Kaayyoon baqattoota Itiyoophiyaa Taanzaaniyaa jiraniis, Taanzaaniyaa fi biyyooota kaan naannoo sana jiran qaxxaamuruun gara Afriikaa Kibbaa deemuu yoo ta’u yaada isaanii kana fiixaan baasuufis dallaalota seeraan ala isaan erganiif gara doolaaara Ameerikaa 2000 kaffalu.

Mootummaan Taanzaaniyaas keessumaa barana erga Itiyoophiyaa keessatti rakkoon hanqina midhaan nyaataa mullate jedhamee as lammileen Itiyoophiyaa gara Taanzaaniyaa dhufan dabaleeraa jechuun dubbateera.

Dhimmi kuni kallattiin ka isa ilaallatu waajjirri qoonsula Itiyoophiyaa Keeniyaa Naayiroobii jiru garuu waa’ee lammilee Itiyoophiyaa haarawa qabamaniis ta’e kan duraan to’annaa poolisii Taanzaaniyaa jala homaa hin dubbanne.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:01 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG