Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Rakkoo Caamaaf Gargaarsa Doolaara Ameerikaa Biliyoona Tokkoo fi Miliyoona Dhibba Afurii Gaafatte


Ummata aanaa Ziwaay Dugdaatti gargaarsa eegachuutti jiru,Ammajii 31,2016
Ummata aanaa Ziwaay Dugdaatti gargaarsa eegachuutti jiru,Ammajii 31,2016

Naannolee Itiyoophiyaa irra guddaa keessatti akkaataa ammaan dura baay’ee hin baramiinitti, bokkaan silaa dhufuu male, yeroo lama hafuu isaatiin caamni guddaan uumamee jira. Akka qaamonni tokko tokko jedhanitti, caamni akkanaa waggoota shatamman dabran keessatti biyyattii keessatti argamee hin beeku.

Caama hamaa kana irraa kan ka’e namoonni fi beeyladoonni baay’een bakkawwn tokko tokkotti dhumuun ka gabaasame ta’e iyyuu, mootummaan Itiyoophiyaa garuu, haga ammaatti sababaa caama kanaan lubbuun dhabame hin jiru, jechuudhaan jabeessee falmaa jira.

Miidhaa beelli kun dhaqqabsiisu ittisuuf carraaqqii mootummaan Itiyoophiyaa haga ammaatti godhe ka dinqsiifatan – Jaarmayaaleen gargaarsaa biyyattii keessaa, dhaabbatoonni arjoomtotaa ka sadarkaa Addunyaa garuu, caama Itiyoophiyaa keessaa kanaaf ilaalcha ga’aa hin kennine – jechuudhaan wawwaataa turan.

Koomishinarri Koomishina Hojii Gad-xiqqeesa Yaaddoo Balaa, kan Itiyoophiyaa – Obbo Mitikuu Kaasaas, yaaduma kanatti kan walii-galan ta’uu dubbatu.

Koomishinarichi akka jedhantti, Mootummaan nageenya lubbuu uummata isaa eeguuf itti-gaafatama qabu irraa, akkasumas, hawaasni arjoomtota Addunyaa rakkoo caamaa Itiyoophiyaaf ilaalcha ga’aa kennuu dhabuu irraa kan ka’e haga ammaatti baasiin inni haga ammaatti gargaarsichaaf baase guddaa dha.

Gara fuul-duraattis, lammiwwan Itiyoophiyaa miliyoona kudhanii fi kuma dhibba lama ta’aniif, gargaarsa guyyaa dhaa-guyyaa ittiin lubbuu oolanii fi mi’awwan gargaarsaa adda addaa bituuf kan oolfamuuf, maallaqni gargaarsaa guddaan akka hawaasa Addunyaa irraa eegamu ifatti dubbatan – Obbo Mitikuu Kaasaa.

“Lakkoobsa lammiwwan keenya beela’ee – miliyoona kudhanii fi qabxii lama, ka Sadaasa tokko dabre kana ifa taasisne sanaaf gargaarsa dhiheessuuf, doolaara Ameerikaa biliyoona tokko fi qabxii afur barbaachisa. Kun maallaqa guddaa dha” ka jedhan – Koomishinarichi Itiyoophiaa, maallaqicha argachuuf hawaasa Addunyaa irraa ka baay’ee eegan tahuu dubbatu.

Kana ilaalchisuudhaan, sabaa-himaaleen sadarkaa Addunyaa tokko tokko akka gabaasanitti, hawaasni Addunyaa haala amma Itiyoopiyaa keessatti mul’atu sababaa godhachuudhaan, torbanneen sadii keessatti qofa, gargaarsa yeroo hatattamaaf kan oolfamu, gargaarsi doolaara Ameerkaa miliyoona dhibba lamaa fi miliyoona afurtami-shan ta’u hin argamu taanaan, badiin suukanneessaan akka uumamuu malu ibsamee jira.

Koomishinar Mitikuu Kaasaas gama isaaniitiin, barreessaan muummichi, ka Tokkummaa Mootummootaa – Baan Kii Moon, dhuma torban dabree irra ennaa Finfinneetti argamuun aangawoota Mootummaa fi arjoomtota waliin mari’atanitti, Itiyoophiyaan sababaa adda addaatiif gargaaramuu akka qabdu hubachiisanii jiru – jedhan.

Marii Barreessaa-muummicha ka Tokkummaa Mootummootaa waliin geggeessame sanaa booda, Motummaan Yunaayitid Isteets gara doolaara miliyoona sagaltamii toorbaa, mootummaan Ostriyaa immoo Yuroo miliyoona toorba kennuu isaanii ka dubbatan – aangawaan Itiyoophiyaa kun, biyyoonni ka biroonis akkasuma gargaaruuf waadaa seenuu isaanii ibsan.

Sabaa-himaaleen sadarkaa Addunyaa garuu, gargaarsa doolaara Biliyoona tokkkoo fi qabxii afur Itiyoophiyaan gaafatte keessaa haga ammaatti walakkaan isaa iyyuu hin argamne.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:59 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG