Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qoodi Ameerikaan Addunyaa Keessatti Qabdu Maali? Koree Hariiroo Alaa Kan Senetii


Senator Bob Koorker
Senator Bob Koorker

Dura taa’aan koree senetii kan hariiroo alaa Ameerikaa senatorri kutaa Teenesii Bob Koorker Ameerikaan yeroo ammaa addunyaa keessatti hiree isheen qabaattaa jirtu ilaalchisuun odu gabaasaa VOA Michel Bowman waliin gaaffii fi deebii geggeessanii jiran.

Senator Bob Koorker marii araaraa diplomaasummaa dhimma Siiriyaa ilaalchisee Jenevaa keessatti jalqabamee irratti ibsa kennaniiru.

Koreen senetii kan hariiroo alaa torban darbe uggurri cimaan sagantaa nukleraa kooriyaa kaabaa irratti fuuleffatu akka kaa’amu murteessee jira. Waaltaaleen hangi tokko kan china ti jedhama ka jedhu ilaalchisee illee ibsa kennaniiru Kooker.

Senetor Koorker walii galtee meeshaa nukleraa Iran waliin irra ga’ame kanneen morman keessaa tokko. Haa ta’u malee kun hojii irra oolee jira. Walii galteen kun akka milkaa’uuf fedhii isaanii ta’uu fi dhiisuu akkasumas republiikaanonni kongresii Ameerikaa keessaa milkaa’ina walii galtee Sanaa deggeru ennaa ta’e gaafatamanii sababaa battaluma dhiibbaan ta’ee hojii irra ooleef Iraan qabeenyaa kana dura argachuu hin dandeenye akka argattuuf karaa argachuun ishee kan isaan hin gammaachiisne ta’uu dura taa’aan koree Senetii kan hariiroo alaa Senator Bob Krooker ibsaniiru.

Sochiin garee ISIS yeroo ammaa Libiyaa qabee hanga Afgaanistanitti babal’atee jira.

Tarkaanfii ISIS irratti fudhatamuuf boodatti hafuu keenya eenuyu iyyuu kan haalu miti kan jedhan Krooker sadarkaa amma gareen kun irra akka ga’eef kan gumaache waa hedduu dha jedhan. Bakka isaan yeroo ammaa keessa faca’anii jiran keessatti itti marsuu dhaan duula geggeessinu itti fufna jedheen abdadha jedhan.

Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:06 0:00
Xurree marsariitii

Odeeffannoo dabalataatif Viidiyoo armaan gadhii laalaa.

Gaafii gabaasaan VOA Maaykil Boowman itti gaafatamaa koree haajaa alaa Seneta USA, Boob Kirokeriif dhiyeesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:16:20 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG