Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bu'ureesitoota Waldaa Maccaa fi Tuulaama Keessaa Tokko han Ta'an, Obboo Baqqalaa Mokonnon Wasanuu Du'an Boqatan


Obboo Baqqalaa Mokonnon (1930 - 2016)
Obboo Baqqalaa Mokonnon (1930 - 2016)

Buu’ureesitoota Waldaa Maccaaf Tuulaama keessaa tokko han ta’an Obboo Baqqalaa Mokonnon Wasanuu dhalatee oggaa 86-tti dilbata torban dabree – Amajjii 24, 2016 bakka jiraachaa turan Biyya Ingilizii, magaala Landdanitti adnunyaa kanaraa du’aan boqatan. Awwaalchi isaanii, har’a bakka dhalata isaanii, Salaaleetti raaw’atame.

Obbo Baqqalaa Mokonnon Wasanuu, Shawaa Kaabaa- Salaalee, bakka Oborii jedhamutti dhalatanii guddatan. Akkuma Umuriin isaanii barumsaaf gaheen Finfinnetti galanoii amma sadarkaa lammaffaatti mana barumsaa Tafarii Mokonnon jedhamutti baratanii, booda Koleejii Hojii Daldalaa ykn Commercial College ka jedhamutti barachuun Akkaawuntingiidhaan ebbifaman.

Waaldaan Macaafi Tuulama as Washington DC-tti Sambat-duraa darbee kana sirna yaadannoo Obbo Baqalaa dha qopheesse ture. Sirna yadanoo kanarratti firoottanii fi hiriyoonni Obboo Baqqalaa akasumas miseensooni Waldaa Maccaa fi Tulama argamaniru.

“Obbo Baqqalaan abbaa firaa, xinna wajjin xinnaa, guddaa wajjin guddaa ta’e kan hasahuu beeku,” jedhu, Firottan Obboo Baqqala Gadda fuula isaanirra mullattu liqimsanii, of jajjabessa. Obbolaawwan isaatiif akka abbaa ture, firottan hunda biratti jalatamaa fi dhageetti kan qabu, mirga Oromoof immoo antummadhan odoo hin ta’in wal-qixxumaa dhala nama irratti hunda’uun umurii isaa guutuu kan dhama’aa ture tahuu dubbatan.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:06 0:00
Xurree marsariitii

Namoota sirna yadanno kanaratti argaman keessa Obbo Lubee Biruu fi Obbo Ibsaa Gutamaa dubbiseen ture. Oboo Lubeen “Yeroo Baqaqalaa Mokonnon, Janaraal Taddasaa Biruufaa wajjin dhimaa Macaa fi Tulamaaratti hojjatan da’iman ture. Anifi hiriyooni kiyya akka obbo Baqqalaa Mokonnon ta’u hawwaa guddanne,” jedhanii, Obbo Baqqalaa Mokonnon waan abshaalaa fi goota tureef, Waldaa Macaaf Tulama keessatti, hojji tikaa nagaatti bobba’uun akka qophilleen waldicha nagaan geggesaman ka gochaa turan tahuu yaadatu.

​“Baqqalaa Mokonnon abbaa isaanii Mokonnon Wasanuuttin addan hin laalu. Warrii Mokonnon Wasanuu dhimma mirga Oromooratti cimtoota fi kan fira jalatani,” kan jedhan immoo Obbo Ibsaa Gutaamaati.

Mootummaan Haylasilaasee, yeroo hoggantoota Macaafi Tulamaa akka Tadasaa Biruu, Mamoo Mazamir fi abbaa obbo Baqqalaa Mokonnon Wasanuufaa guree hidhaatti naqe, Obbo Baqaalaa Mokonnon fi hiriyotaa isaa immoo kophaa baasee hidhee ture. Sababni isaas Baqaalaan faa akka sobanii ragaa bahan dirqisiisudhan wabii godhate hoggantoota Macaa fi Tuulamaa irratti murtii soba dabarsuf yaaduudhaan ture, Guyyaa san garuu Baqqalaa Mokonnon Karoora motummaa fashaleessudhan seenaa hojjachuu isaa namonin achitti argaman raga bahan.

San booda, Baqalaa Mokonnan mana hidhaatti deebisanii waggaa 10 itti murteessan. Motumaan Haylesilaasee kufee Dargiin angoo qabannaan bakka itti hidhamee turee bahee Finfinnetti deebi’e. Erga dargiin kufe booda haadhaa manaa isaa wajjin gara biya ingiliziitti baqate. Obboo Baqqalaan erga baqateeyis dhimma Oromoo irraa hin fagannee, namoota biyyaa baqatanii achitti gargaarsa dhaban gargaara, Oromoota naannoo Landan jiraatan ijaaraa fi walitti fidaa turean jedhu, obbo Ibsaa Gutamaa.

Seenaa walda Macaa fi Tulamaa keessatti abbaa fi ilmaan hidhamuudhan Baqalaa fi abban isaanii Obbo Mokonnon Wasanuu kan duraas kan dhumaas akka ta’an dubbatu namooni sagantaa yaadanoo Obbo Baqalaa Mokonnon qophahe irratti argaman.

Reefii Obbo Baqqalaa dheengada gara biyyatti ergamee, harra, biyya itti dhalatee guddatee Shawaa Kaabaa, Oboriitti han dhihoo jiru – Gadaamii Dabre-Libaanositti sirna o’aadhan awaalaman. Matii fi firoottan Obbo Baqqalaa Mokonnonif jajabina hawwa, biyyeen itti haa salphattun jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG