Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan perz., filachuuf nama hujii tanaa qaxarattu wal dorgomsiifachuutti jriti godina Ayiwaa(IOWA) ammaayyuu itti jira


Paartii Demokiraati keessaa duula filannoo Hilarii Kilinton kutaa IOWA yuniversitii Ames, Ammajii 30, 2016.
Paartii Demokiraati keessaa duula filannoo Hilarii Kilinton kutaa IOWA yuniversitii Ames, Ammajii 30, 2016.

Ayiwaa (IOWA)godina USA 50n keessaa tokko. Namii godina kanatti filannoo perzdaantummaa Amerikaa moohate godina dhibiillee moohuuf abdii horata.

Qoodii Ayiwaan filannoo perezidaantummaa Amerikaa murteessuuf qabdu harka tokko tahullee namii achitti moohe yoo hedduu filannoo perezidaantummaa moo’a.

Filannoo Amerikaa irratti yoo hedduu horii miliyoona hedduutti baha.Nama miliyoona hedduutti bahee abbaa fedhe filatallee.

Warrii dorgomu ummata duratti yaahee jabeennaa fi qarooma qabuun waan egerii ummataa fi biyyaa hojjatu himata,hayyuma dhahata.

Dorgommii tanaa paartii Rippaabilikaan keessaa nama 15 walti hafe sunilleen waluma jalaa bu’aa dhufe.Paartii Demokiraati keessaa ammoo nama sadiitti walti hafe.

Walumattuu jarii dorgomu hagii tokko dureeyyii addunyaanuu beettuu,hagii tokko abbootii siyaasaatii,hagii tokko ogeeyyii dinagdeeti.

Jarii kun cuftii ummta ufi dhugeffachuuf hardha,Gurrandhalaa 1,2016 dorgommii IOWA CAUCUS jedhaniif godina Ayiwaaatti

manneen amantii,manneen barnootaa, galma wal gahii manneen kitaabaatii fi fulaa 1,681 keessatti walti bahee eennu akka fialtu,wal gorfataa,wal falmaa,wal amansiifata.

Ayiwaan hardha guyyaa guutuu hujii tana irra oolti.Namuu deegartoota fi miseensotallee dabalatee akkuma qaheeti fi ollaan walti dhiyaatutti abbaa irra wayyyuuf filata.Nama egerii isaan fulaa bu’ee filannoo perzdaantummaa godina isaaniitii hojjatuufillee filata.

Paartii lamaanuu keessaa namii ummatii IOWA perezidaantummaa filatu hardhuma beekama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG