Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taanzaaniyaan Lammilee Itiyoophiyaa seeraan ala biyyattii qaxxaamuraa turan to’annoo jala oolchite.


TANZANIA map
TANZANIA map

Lammileen Itiyoophiyaa seeraan ala Taanzaaniyaan qaxxaamuraa turan 80 ol ta’an naannoo kibba baha biyyattiitti to’annoo jala oolchan.Yeroo to’annoo poolisii fi Immigreshinii jela oolanis baqattoonni kuni, beelaafi dheebuu irraa kan ka’e baayyee miidhamanii akka ture poolisiin biyyattii beeksiseera.

Yeroo ammaatis baqattoonni kuni naannoo bulchiinsa Imbeeyaa Kutaa Iriingaa jedhamtu keessatti to’annaa poolisii jela ka jiran yoo ta’u, koomishinera Kutaa keeyilaa kan taate Dr. Teehaa Irnaangaa akka Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf himtetti, warra Iriingaatti qabamanittis dabalata baqattoonni seeraan ala Taanzaaniyaa seenan naannoo Keeyilaa jedhamuttis mana hidhaa keessa akka jiran dubbatanii jirani.

Itiyoophiyaan Taanzaaniyaadhaa waajjira qoonsuulaa ka hin qabene yoo taatu, dhimma kana itti aantummaan ka hordofu waajjirri qonsuula Itiyoophiyaa Naayiroobii jiru garuu waa’ee lammilee Itiyoophiyaa qabaman kanaa ifaan waanti inni dubbate hin jiru.

Nutis waa’ee qabamuu baqattoota seeraan alaa lammilee Ethiopia kanas akka dhageenyeen waajjira Qoonsuulaa Itiyoophiyaa Naayiroobii jiruuf kaafnee ka turre yoo ta’u, oduu kana nuyyuu reef isinirraa dhageenya waan ta’eef odeeffannee haala jiru isiniif himnaa jechuun dubbatanii turan. Haata’uyyuu malee haga oduu kana qindeessuuf studio seennutti, deddeebinee yoo isaan gaafannus, nama waa’ee dhimma kanaa nuuf himu argachuu hin dandeenye.

Raadiyooniin VOA Waajjira Qoonsiila Itiyoophiyaa Naayiroobiitti Itti aanaa hoj raawwachiisaa dhimma diyaaspooraa kan ta’an obboo Andaarguu Berihee irra deddeebiin email fi bilbilaan argachuu yaalus yaaliin keenya milkaawuu hin dandeenye.

Lammilee Itiyoophiyaa kana seeraan ala Taanzaniyaa seensisuun wal qabatee lammiin Taanzaaniyaa Alex Adam ka jedhamu to’annaa poolisii biyyattii jela kan oole yoo ta’u, waa’ee baqattoota to’annaa jela oolan kanaas Dr. Teehaaf kaafnee akka gadi fageenyaan eenyummaa isaanii hin beekne nuuf himtee jirti.

Kanaan duras bara 2012 Kaaba giddu gala Taanzaaniyaa bakka Koongwaa jedhamutti, lammileen Itiyoophiyaa lakkoofsaan 40 ol ta’an konkolaataa fe’umsaan utuu deemanii sababa qilleensa dhabuutiin ukkaamamanii lubbuun isaanii darbuun isaa ni yaadatama.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:15 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG