Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walaggaa Bahaa fi Harargee Lixaa keessatti Mormii ka’een Lubbuun Namaa Darbuutu Ibsame


Ciroo, Harargee Dhihaa
Ciroo, Harargee Dhihaa

Walaggaa bahaa aanaa diggaa magaalaa guddattuu arjoo Guddakeessatti dheengadda walitti bu’iinsa humnootii mootummaa fi uummata gidduutti ka’een namoonni rasaasaan dha’amanii madaa’uu jiraattonni nuuf ibsaniiru. Walitti bu’iinsi kun kan ka’es dilbata darbe ta’uu kan nuuf himan jiraataan magaalaa Arjoo guddattuu haala uumame nuuf ibsaniiru.

Akka jiraataan kun nuuf ibsanitti dilbata galgala cidha magaalaa Guddattuu Arjoo keessatti geggeessame irratti namoonni sirbaa turan achumaan quuqqaa garaa isaanii sirbaan makanii dhageessisaa turan jedhan.

Sirba sana akka dhaabaniif humni poolisii itti himu iyyuu dhaabuu waan didaniif samiitti qabanii dhukaasuu eegalan sanaanis waan hin dhaabiniif gara uummataatti qabanii dhukaasuu jalqaban jedhu jiraataan Guddattuu Arjoo kun. Kanaanis namoonni madaa’an kan jiran ennaa ta’u rasaasaan rkutamee gara Hospitaala Naqamteetti kanneen geessman keessaa lubbuun nama tokkoo darbuu illee nuuf ibsaniiru.

Kana malees manneen jireenyaa irra naanna’uu dhaan namoota adamsanii qabuu, maanguddoota illee utuu hin hafin humnaan manaa gad baasanii hanga lafeen isaanii cabutti reebaa turan jedhu jiraataan kun.

Maddeen Hospitaala Naqamtees deebii nuu kennee jira. Namoonni madaa’anii gara hospitaala Naqamteetti geessaman 1ffaa Zerhuun Jireenyaa Bayana yoo ta’u karaa cinaacha isaa mirgaa garaa isaa irra rasaasaan dha’ame, inni 2ffaa Gammachuu Alamuu Tasammaa luqqeettuu isaa gara taa’aa isaa gara mirgaa irra, 3ffaan Birhaanuu Kabbadaa Addoo miilla isaa irra rukutamuu madden hospitaalaa Naqamtee kun nuuf ibsaniiru.

Zerihuun Jireenyaa kaleessa ennaa hospitaala ga’u hedduu dadhabaa waan tureef wal’aansi baqasanii hodhuu godhamuufis dhiigi hedduun waan keessaa dhangala’eef har’a ganama barii naannoo sa’a 11 fi walakkaa lubbuun isaa darbuu madeen hospitaalaa kun nuuf ibsaniiru.

Namoonni mormii dhageessisuun miidhamanii gara mana yaalaatti fidaman kun erga wal’aansi baqaqsanii hodhuu godhameef booda kutaan addaa /ICU/ keessatti kunuunsaman hin jiru kutaan ka biroon keessa boqotan iyyuu hin kennamuuf, mana jala bakka namoonni irra daddarban ciibsamanii jiraachuu nuuf ibsan madden mana yaalaa Naqamtee.

Zerihuun jireenyaas kutaa baqasanii hodhuutii erga ba’ee booda ala mana jala akkuma ciibsamee jirutti lubbuun isaa darbuu illee nuu ibsasniiru.

Namoonni kun maaliif mana jala ciibsamu, maaliif kutaan hin kennamneef jennee gaaffii dhiyeessineef madden kun akka deebisanitti dursi kan kennamu dhukkubsattoota kanneen biroo dhaafi. Huccuu sivilii uffatanii kanneen hordofan waan jiraniif hojjettoonni mana yaalaa illee jarreen kanaaf kunuunsa addaa kennuu sodaatu. Waadaa yeroo ogumaa kana irratti bobba’an seenan eeguuf gara siyaasaatti waan jijjiiramuuf dhukkubsattoota haala Kanaan miidhaan irra ga’eef ilaalchi hin kennamu jechuu dhaan madden hospitaala Naqamtaa nuuf ibsaniiru.

Gama biraatiin immoo Godinaa Hargee lixaa aanaa Xuulloo keessatti namoota aanaa ollaa Sana irraa dhimma isaaniitiif dhufanii qabaman keessaa tokko kamisa darbe kana du’ee argamuu isaa dubbataa jiru jiraattonni aanaa Xuulloo.

Guutummaa gabaasaa kanaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:38 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG