Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira mormiitii fi gaafileen jiraattotii naannoo Oromiyaa gaafatan hardhallee itti fufanii oolan jedhu jiraattonnii


Ciroo,Harargee Dhihaa
Ciroo,Harargee Dhihaa

Jiraattotii godinaalee Oromiyaa guyyaa Cuuphaa,Ximqataa sababeeffatanii hiriira bahanii akka isaan jedhanitti gaafii seeraa qabeessaa gaafachumatti jiran.Taatullee walti bu’iinsa isaanii fi waraana mootummaa jidduutti dhalateen nama hedduutti miidhame.

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Raaree:Godina Horroo Guduruu walaggaa aanaa Jimmaa Raaree magaalaa Goban keessatti har’a, Ammajii 21, 2016 uummanni ayyaana Cuuphaaf wayita ba’ee jirutti walitti bu’iinsa humnootii mootummaa fi uummata gidduutti ka’een lubbuun nama tokkoo darbuuf kaan madaa’uu jiraattonni magaalattii nuuf ibsanii jiran.

Shawaa Lixaa magaalaa Guder:Godina Shawaa Dhiyaa aanaa Guderitti ammoo akka jiraattotii jedhanitti hiriira kaleessa ummatii gaafii gaafachuuf bahe irratti namii tokko rasaasaan dhahamee hospitaala Finfinneetti ergamee wallaansaatti jira.

Reeffa nama tokkoo ammoo baddaa keessatti gatamee argan.Nama hedduutti hidhames jedhan.Har’a ammoo akka jiraattotii jedhanitti waraanii mootummaa mana irra deemee nama hedduu hidhuutti jira.Tana irratti deebii mootummaa argachuu hin dandeenne.

Harargee Lixaa aanaa Mi’eessaa:Akka jiraattotii godina Harargee Dhihaa,aanaa Mi’eessoo jedhanitti ummatii aanaa fi mgaalaa isaanii hardhallee bahee gaafii ‘seeraa’ gaafachuutti jira.

Keessattuu guyyaa gabayaa magaalaa Asabaaboot hardhaa irratti akka jiraattotii jedhanitti namii baaddiyaallee itti dabalamee akka mootummaan deebii isaan asiin duratti gaafatan djhiyeeffatullee waraanii federaalaa poolisii naannollee dabalatee ummata dhaanee,kaan hidhee jedhan.

“Nama afuritti rasaasaan dhahame.Lama harkarra dhahame,tokko dubartiin garaa irraa dhahamte,namii lama baaddiyaa dhufe.”

Jiraattotii tun waraanii magaalaa isaanii keessa jiru erga ummata gaafii gaafachuuf bahe bittinneessuuf humnaan itti dhufu qofaa mitii bulchaa aanaa Asabooti,Toofik Aliyyii isaa dhibamee ciisu tumaa makiinaatti fehatee deema jedhu.

Garuu itti aanaan bulchaa aanaa Mi’eessoo,Mohaammad Jamaal namii karaa seeraa fi heeraatiin hiriira bahuuf gaafate hin jiru.Farrootii nagaa,karoora isaanii itti qophaahanii baafatanis,karoorri sun isaaniifuu hin gallee itti milkaahuuf oobjuu dharaa oobjatu jedhu.”

Bulchaan magaalaa Asabooti kan waraanaanii tumamee makiinaa waraanaatti fa’amee geeffame eddo innii jiru hin beekamu jedhames dharaa hojii irra jiraa jedha.

Shawaa Lixaa magaalaa Amboo:Gama kaaniin jiraattotii magaalaa Amboos magaalaa isaanii waraanaan guutamtetti ummatii akka fedhe ayyaana Cuuphaa,Ximqata bahuu kalee fi hardhallee akka hin baane jedhanii “taabota ganamaan baasan” jedhan.Waraanii federaalaa magaalaa keessa deemee nama karaa irratti arge tumaa jedhan.

Hiriirii Oromiyaa master pilaanii mormuun jalqabe ji’a lama caaluutti jira.Paartiin Oromiyaa bulchitu Dh.D.U.O master pilaaniin guutumaa guutuutti dhaabbate jedhullee ummatii ammallee gaafii hedduu nuu hin deebihinitti jiraa jedhee itti jira.

Mootummaan garuu gaafii seera-qabeettii gaafachuun rakkinna hin qabuu garuu farroota nagaatti gaafii ummataa fakkeessee nagaa booressuutti jiraa jedha.

please wait

No media source currently available

0:00 0:23:53 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG