Xurree ittiin seenan

Breaking News

UNICEF:Addunyaa Keessaa Lolaa fi Jeequmsii Ijoollee Miliyoona 24 Barumsa Dhowwe


Dhaaba Gargaarsa Ijoollee Addunyaa(UNICEF)
Dhaaba Gargaarsa Ijoollee Addunyaa(UNICEF)

Dhaabii Gargaarsa Ijoollee Addunyaa Tokkummaa Mootummootaa, UNICEF jireenna biyya 22 waraanii bultii dhowwe qoratee gabaasa baase.

Lisa Bender UNICEF keessaa ogeettii barusmaati fi sagantaati. “Waraanii, jeequmsii ijoolle hedduu barnoota keessaa oofuutit jira.Adoo barumsatti hin deebinee turan.Hedduutti barumsaa keessa hin jirre. Rakkoo gugurdoo keessa baratan.Nu yaaddessiti.”

Akka gabaasa UNICEF-ti ijoollee mana barumsa sadarkaa tokkeessootii fi sadarkaa lammeessoo,miliyoona 109 harka afur keessaa harkii tokko lafa waraanaa keessa waan jiraniif barumsa dhabuutti jiran. Keessattuu ijoollee ganna 6-15 jidduu jiran.

Laftii waraanii ijoollee barumsa dhowwuutti jiru hagii guddaan Afrikaa keessa.

“Biyyitii ijoolleen isii haga guddaan barumsa keessa hin jirre Suudan Kibbaati. Achitti ijoollee harka 50 caalaatti barusmaa ala jira. Naayjeeriyaan ijoollee harka 47 barumsaa ala jira.Suudan keessaa ijoollee hakra 41 barusmaa ala jira. Afgaanistaan diqqoo wayyaa qabaattullee ammallee ijoollee isii harka 40 barusmaa ala jira.”

Siiriyaa biyya waraanii miila lafa fuudhee ummatii isii baqaaf karaa marullee ijoollee isii hedduutit barumsaa ala jira.

Ijoollee barumsa dhabuun akka gabaasa UNICEF-ti addunyaa keessaa qooda aabaachuu dhabuu.

UNICEF akka biyyiti cuftii ijoollee isaanii barsiiifatan lafa itti baratan dansaallee qopheessan gaafatti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG