Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormiin Barattootaa fi Uummataa Har’as Harargee Lixaa fi Shawaa Bahaa Keesstti Itti Fufe


Hiriira Mormii Xuuxxis, Oromiyaa
Hiriira Mormii Xuuxxis, Oromiyaa

Magaalaa Finfinnee fi magaalaalee addaa Oromiyaa misoomaan walitti-qindeessuuf wixiname – ka jedhame Maaster Pilaanii Finfinnee mormuudhaan ka baatii Sadaasaa keessa Oromiyaa keessatti jalqabame mormiin barattootaa fi uummataa amma illee godinaalee adda addaa keessatti itti fufee jira.

Dhaadannoon hiriirtotaas maaster pilaanicha mormuu qofa otuu hin taane, “lammiwwan keenya hiriira mormii kana irratti humnoota mootummaan ajjeesamaniif mootummichi itti gaafatama haa fudhatu, kanneen ajjeesan seeratti haa dhihaatan! Kanneen kumaataman hidhaman haa hiikaman! Mirgi abbaa-biyyummaa keenyaa nuuf haa kabajamu!” kanneen jedhan dabalatee jira.

Godinaa Harargee Lixaa, magaalaa Asaboot irraa barataan dubbisne tokko akka jedhutti, “har’a ganama ennaa uummatni baadiyyaa gabayaaf jecha gara magaalaa dhufetti humnoonni mootummaa karaa irratti sakatta’anii ulee fi meeshaalee kaan uummatichi duruu hidhatu irraa hiikuu eegalan. Aarii sanaa irraa mormiin eegale walitti-bu’insa uumameen, humnoonni mootummaa dhukaasuu jalqaban.

Hiriironni immoo dhagaadhaan of irraa hari’an” jedha. Achuma godinaa Harargee Lixaa, aanaa Daaroo Labuu, magaalee xiqqoo Xuuxxis keessatti hiriirri mormii jiraattota magaalattii fi qonnaan-bultoota naannootiin geggeessame immoo nagaan xumuramuu isaa ka dubbatan, jiraataan magaalattii, “achii booda garuu, humnoonni mootummaa mana irra deemanii namoota hidhuu eegalan,” jedha.

Hiriira Mormii Asaboot, Oromiyaa
Hiriira Mormii Asaboot, Oromiyaa

Shawaa Bahaa, aanaa Fantaalleettis har’a barattooti mana barumsa sadarkaa tokkeessoo fi sadarkaa lammeessoo Guddinnaa Tumsaa magaalaa Mataa-Haaraa keessatti uummata waliin hiriira bahan.

Guyyaan har’aa ayyaana Gannii waan ta’eef manni-barnoota cufamullee, akka jiraattoti jedhanitti guyyichi gabayaa waan taheef uummat hedduu tu hiira bahe.

Gaaffiilee ummataa gaafate jedhan keessaa “maaster pilaaniin haa dhaabbatuu,laftii seera malee ummata Karrayyuu irraa warra ollaatii kennamte haa deebi’u,qawween seera malee nama irraa guuramte haa deebi’u,abbummaan Warshaa Sukkaaraa Mataa-Haaraa ummata Karrayyuuf haa mirkanaa’u” kanneen jedhanii fi kana fakkaatan tu ture.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:33 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG