Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kiristaanii Akka Dhawata Juuliyaanitti Bara Lakkahatu Ammajii 7,2015 Dhaloota Yessoo Kiristoo Ulfeeffate


Kiristaana Jiyoorjiyaatti(Georgia) dhaloota Yessoo Kiristoo (Christmas) ulfeeffachuutti jira
Kiristaana Jiyoorjiyaatti(Georgia) dhaloota Yessoo Kiristoo (Christmas) ulfeeffachuutti jira

Addunyaan akka lamatti bara lakkahatti: Akka henna Girigooriyaa fi akka henna Juuliyaan.Dhaloota Yessoo kiristoollee akkuma kana gama lamatti ulfeessan.

Kiristaanii Yukreen,Jioorjiaa , Serbiyaa,Itoophiyaa fi biyya akka akkaa jirullee guyyaa kana waliin ulfeeffata.

Warrii Yukreeyin magalaa Odeessaa garba Gurraacha jala qubatu,warra aadaa tana jabeeffachuutti jiru keessaa tokko.Kirisaatnii hedduun guyyaa akkanaa kana lafa dhaloota Yessoo Kiristoo, Beeteliheemitti ulfeeffata.

Wal dhabii Israahelii fi Paalistaayin ka baruma baraan hammaachaa dhufu ammoo aka namii hedduun Beetelheem hin dhufne tolche.

Taatullee akka warra tanaa jedhee Paalestaayinii dhufe jedhutit namii tanaa jedhee ulfeeffachuu hin dhiisne.

"Durii nama hedduutti fulaa Yessoo Kiristoon itti dhalatetti dhufa.Amma dhufuu baatullee tanaan jedhani hin haftu.”

Kiristaanii Serbiyaa teessoo mootummaa isaanii Belgireeditti walti dhufee akkuma aadaa isaa mana amanti kiristaanaa Saavaa duratit ibidda goolee meexxii bobeessee jala bultii dhaloota Yessoo Kiristoo ulfeeffate.

Itti gaafatamaan amantii Kaatolikii Roomaa Pope Firaansisi ammoo kiristaana Vaatikaan naannoo St.Piiter duratti walti dhufee ergaa gammachuu dabarse

"Hardha hariyummaa kiristaan gama Bahaa waliin dhaloota goofataa ulfeeffanna nagaa fi jaalala isanii hawwa.”

Kiristaanii akkuma aadaa isaatti dhaloota Yessoo Kiristoo ulfeeffata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG