Xurree ittiin seenan

Breaking News

Perz.Obaamaan Imimmaan xuruurrachaa nama kuma hedduutti USA-tti qawween dhumutti jiraa jedhee hajaja fala tahu labse


Perz.Obaamaan maatii USAtti namii isaaiinii qawween irraa dhumeef boo'ee hajaja rakkoo tanaan dhaaban itti aanaa isaa Bide waliin labse.Ammajii 5,2016,White House
Perz.Obaamaan maatii USAtti namii isaaiinii qawween irraa dhumeef boo'ee hajaja rakkoo tanaan dhaaban itti aanaa isaa Bide waliin labse.Ammajii 5,2016,White House

USA biyya addunya keessaa namii isii miliyoonii hedduun qawwee qabaachuun beekamu.Seeri bulmmaata isii lammeessoon second amendment akka abbaan fedhe qawwee bitatu eeyyamaaf.Qaawee miliyoon 300 dhiyaattutti harka nama Amerika jira.

Qawween tun gannuma gannaan nama kuma kunrya hedduu fixxi, kaan isumatti ufiin galaafataa kaan ammoo isatti namaan fixa.

Paartileen siyaasaa Amerikaa gugurdoon; Rippaabilikaafii fi Demokiraati fala qawwee Amerikaa tohachuun dandahan irratti yoo hedduu wal falaman.

Amerikaatti qawwee yoo fedhan suuqii, yoo fedhan ammoo interneetii irraa bitan.Kun seerama biyyitii baafatte.

Perezidaanti Obaamaan yo hardha TV irratti dubbate maatii namii irraa dhumee himimmaan xuruurrachaa nama dhumuu dhowwuuf fala jedhe TV irratti labse.

Hajajii kun:

  • Akka dhaabbileen qawwee gurugran abbaa itti gurguran beekan,
  • Akka warrii gurgurulleen eeyyama ittiin gurguru qabaatuu fi waan hedduu ilaalan.
  • Namii qawwee bitatu mataan fayyaa moo?
  • Namii bitatu ka duruu qawwee bitachuu dhowwan moo?
  • Nama amala hamaa ollaayyuu rakksie qabu,rakkoo isaa poolsiisiinuu beettuu fi moo fi waan hedduu laalanii itti gurguran.
  • Paartii Rippaabilikaanii fi dhaabbileen qawwee gurguran ammoo tun Heeraa mootummaatii alaa, akka namii qawwee bitahcuu sodaatu tolcha jedhee namuu seeraan wal himata.

Obaamaan rakkoo Amerikaa keesastti qawween fidde dhaabuuf bulchiinsa mootummaa Amerikaa, White House keessatti abbaa alangaa addaa USA, Loretta Lynch fi daarektera FBI, James Comey wal dubbatan.

"Falii kun rakkoo gama qawweetitin dhufu cufaaf fala taha jechuu baannullee, jimlaa walti qabanii qawween dhumuu irraa nama oolchuu baatullee, warra wanajala hojjachuun beekamu irraa qawwee guursisuu dhibaatullee, anaan lubbu hin baddu jechuu baannullee,maatii namii irra dhumee fala tahuu baatullee ammallee akkuma fala tokkootti laalla jedha.”

Perezidaanti Obaamaan Kongireesii Amerikaallee mari’achuu didee itti gaafatama mootummaan kenneefiin akka dhaabbileen qawwee gurguran eennummaa warra qawwee itti gurguranii fi waan tokko tokko qajeelchan hajaje.

Paartin Obaamaan Demokiraati yaada kana hin fudhattii paartii Rippaabilikaan ammoo kun mirga Heerii Mootummaa Amerikaa ummataa kenne irraa tuqa jechuun didan.

Dubbiin tun egerii mana murtii Amerikaa dhaquu fiu dhibaachuun ammatti mrikana tahuu baattullee perezidaanti Obaamaan akka Amerikaa keessaa qawwee bitachuu fi gurguruulleen seera jabaa jabaattu hajaje.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG